
Godinni Jimmaa Godinaalee qabeenya uumamaa fii bosonaan beekaman kessaa tokko ta’us, dhimmoota akka Godinichaatti komii uummataa ta’aa jiran keessaa mancaatiin bosonaa kan bu’uuraa ta’uu waan hubatameef Manni Hojii Abbaa Alangaa Godina Jimmaa rakkoo kana bu’uurarraa haala furuun itti danda’amu irratti karoorfachuun hojjetaa jira.



Manni hojiI Abbaa Alangaa baadmintan darban rakkoo gama kanaan jiru furuuf hojii olaantummaa seeraa kabachiisuu baldhinaan raawwataa kan ture ta’us namoonni yakkaan adabaman deebi’anii bosona kan mancaasan ta’u fii bu’aan hojii kanaa rakkicha bu’uurarraa kan hiike ta’uu dhabuu isaatiin bara kana rakkoo kana hiikuuf haala addaan karoora hojii bu’aan isaa qabatamaan safaramuu danda’u dhimmicharratti qopheeffachuun milkaina karoora kanaaf qaamota gumaachuu danda’an,Hoggantoota W/Ra Ejensii Bosonaa, Abbaa Taayitaa Bosonaaf eegumsa naannoo,W/Ra Lafaa,Qajeelcha Pooliosii,W/Ra Dhimma Nageenyaa ,W/Ra Bulchiinsa Godinaa waliin sadarkaa godinaatti dhimmuma kanaaf qofa waltajjii uummachuun marii baldhaa taasifameen aanaalee fii gandoota rakkichi itti baaya’tu erga adda baafanne booda dhimmamtoota kanneen waliin rakkicharratti qindoominaan hojjechuuf waliigalleerra.
Akka Godina Jimmaatti Aanaalee Mancaatiin Bosonaa akka malee itti babadhataa jiru keessaa Aanaa Saqqaa Coqorsaa tokko ta’uu fii bara 2011-2013 qofatti aanaa kana kessaa ganda Geeppaa Sadan jedhamu keessatti qofa bosonni mootummaa daanga’ee jiru hektaarri 332 kan manca’e ta’uu ragaa Ejensiin bosonaa nuuf dhiheesseen waan adda baafanneef bulchiinsa aanichaa waliin qindoomuun Manni Hojii Abbaa Alangaa Godina Jimmaa sadarkaa aanaatti gadi bu’ee waltajjii caasaalee gandaa rakkichi keessa jiru hunda haammmate gaafa guyyaa 20/4/2013 uummachun hoggansi mana hojii Abbaa Alangaa caasaalee gandootaa kanaaf labsii bosonaa irratti hubannoo uumuun haala rakkicha bu’uurarraa itti furuun danda’amurratti mariin baldhaan erga taasifamee booda koreen rakkoo kana yeroo baatii tokko hin caalle keessatti akkaataa seeraan furuu danda’u dhaabbachuun koreen kun karoora hojii akka baafatu kallattiin erga kennamee booda bu’aa hojii koree kanaa madaaluuf beellamni qabamuun waltajjichi xumurameera.