
Barruu hubannoo seeraa
MAHAGJ
Qopheessan Mulugetaa M.
Abbaa Alangaa Godina Jimmaa (LL.B, LL.M)
Waa’ee Araaxaa Seerrii Maal jedha
1.1 Seensaa
Qabenya Horachuun mirgoota Heera Mootummaa keessatti tarraa’an keessaa isa tokko yommuu ta’u qabeenya horachuun immoo dhimma akkaa salphaatti raawwatamu waan hin taaneef bu’aa bahii baay’ee fi dhamaatii guddaa kan barbaadudha. Gama biraatin immoo qabenyaa namnii dadhabbii fi xaarii baay’en horate (argate) namoonni tokko tokko immo qabenyaa kana karaa seeraan alaa kan ofii gochuun karaa qaxxamuraatiin duroomuuf tattaafiiwwan adda addaa kan godhan yommuu ta’uu faallaa namoota kanaa immoo Namoonnii qabenyii isaanii jalaa fudhatame immoo waan qabaniif gadhiisan wallaalanii jirenyi maatii isaanis jeeqamee maatiin isaanii bittinaa’anii keessa darbaniis lubbuu ofii hanga balleessutti kan qaqqaban ta’uu rakkina akka biyyaattis akka naannoottis bal’inaan mul’atuudhaa.
Magalota gurguddoo keessattii yeroo ammaa liqaa araxaatiin qarshiwwan miliyoonaan lakkaa’amu kennamee dhala sana irraa argamuun karaa qaxxamuraan namoonnii durooman lakkofsaan baay’achaa jiru.Gochi kun immoo dinagdee hawaasaa fi tasgabbii biyyaa irratti midhaan innii qaqqabsiisu salphaa kan hin jedhamne ta’uu isaatiin dabalatattii gocha seeraan ala ta’ee fi duudhaa ummataa wajjin kan hin deemne ta’ee argama.
1.2. Hiikoo Araxaa
Seera yakkaa keenya irratti hiikoon jecha araaxaa ifaan kan jiru ta’uu baatus galumsa keeyyatichaa irraa garu hubachuun ni danda’ama.Seera yakkaa keenya bara 1996 fooyya’ee bahee irratti Boqonnaa 3 Yakkoota Mirga Qabenyaa irratti raawwataman jedhu jalatti kutaa 3ffaa mata duree yakkoota rakkoo yaadaa yookiin namaa bu’ura godhachuun raawwataman jedhuu 3 keessaa 1 araxaadha.Bu’uura seera yakka kwt 712(1) araxaa jechuun rakkoo gadi aantummaa yookiin rakkina maallaqaa yookiin dadhabina yaadaa yookiin muuxannoo yookiin dandeetti dhabuu miidhamaa bu’uura godhachuun dhala eyyamame yookiin maallaqa liqeessun yookiin mallaqa liqeessen qabenya madaalawa hin taane bakka isaa akka kennu gochuun yookiin waadaa galchuu ta’uu hubanna.
Namoonni dhuunfaa yeroo adda addaa hanqina maallaqaa isaan mudatuuf yeroo barbaadanitti liqaa maallaqaa hanga barbaadan caarraa Baankii irraa argachuu dhabuu danda’u.Yeroo kanatti rakkina isaan mudate furuuf gara addunyaa liqiitti kan galan yommuu ta’u kanaaf immoo filannoo biraa waan hin qabneef dhimmoota dhiyaataniif fudhachuun alatti filannoo biraa dhabudhaan walqabatee liqeessitoota isaani irraa dhala seeraan taa’e caallatti qarshii /maallaqa liqeeffachuuf waliigalu yookiin wabii cheekii akka kennan dirqamuu.
1.3. Dhala seeraan eeyyamameen ala/dhala seeraan alaa jedhu daangaan isaa hangamitti?
Odeeffannooon toora intarneetii irra jiru akka muldhisutti:-
<<Interest is the price paid for the use of other’s capital fund for a certain period of time>>
Kun gara Afaan Oromootti dheedhidhuma isaa yommuu jijjiiramu<<Dhala jechuun kaappitaala nama biro yeroo muraasaaf sababa faayyadamaniif kaaffaltii raawwatamuudha>>.Yaada barreessaati).Hiikoo kana irraa akka hubannutti dhala jechun maallaqa nama biraa irraa fudhannee(liqeeffannee) yeroo muraasaf fayyadamuu keenyaaf kaffaltii raawwatamu ta’uu hubanna.Egaa waa’ee hiikoo dhalaa gahaa ta’uu baatus hanga kana yoo jenne itti aansinee immoo dhalli seeraan eeyyamame hangami kan jedhu ija seera biyya keenyaatin ilaalla.
Seera Hariiroo Hawaasaa keewwata 1751 irraa akka hubannutti dhala waliigalticha keessatti hin caqasamne irratti liqeeffataan waggaatti 9%(dhibbeentaa sagal) kaffaluu kan danda’u ta’uu ibsa.Dabalataan immoo keewwata 2479(1) qaamotni waliigaltee raawwatan lamaan dhala waggaa 12 %(dhibbentaa kudha lamaa) olitti waliigaluu kan hin dandeenye ta’uu isaati.Dubbisa keewwattoota kana lamaanii irraa hubachuun kan danda’amu dhalli kamiyyuu ka’umsi isaa 9% (dhibbeentaa sagal) yommuu ta’u baaxiin isaa immoo 12 %(dhibbentaa kudha lamaa) ta’uu hubanna.Kanaan walqabatee dhimmi biraa ka’uu danda’u dhalli shallagamuu kan qabu waggaatti? moo ji’aani? kan jedhu dhimma deebii argachuu qabuudha.Kana irratti keewwattoonni rogummaa qaban keewwata 1751 fi 2479 dha.Akkaataa keewwatoota kanaatti dhalli Shallagamuu kan qabu waggaatti malee ji’atti akka hin taane irraa hubachuu dandeenya.
Kanaan walqabatee dhimma kana irratti Dhaddachi Ijibaataa Mana Murtii Waliigala Federaalaa Jildii 15ffaa lakk.galmee 80119 irratti namni tokko ji’aan dhala %10(dhibbentaa kudhan) shallaguun maallaqa kan liqeesse yoo ta’e ulaagaa yakka Araaxaa ni hundeessa jechuun murtii dirqisiisaa kenneet(laatee) jira.Dabalataan Jildii 17ffaa lakk.galmee 102711 ta’e irratti murtii kenneen qaamotni waliigaltee raawwatan waliigaltee isaanii irratti dhalli ji’aan kan shallagamu ta’uu kan caqasan yoo ta’e waliigalteen sun fudhatama kan hin qabne ta’uu ibseera.Kanaaf seerota armaan iloo fi murtiiwwan kennaman irraa kan hubachuu dandeenyu dhalli shallagamuu kan qabu waggaatti ta’uu dha.
Kanatti aansudhaan immoo yakki Aaraaxaa akkamitti qaawwa seeraa dawoo godhachuudhaan akka raawwataman ilaalla.
2. Yakkii Araaxaa seera dawoo godhachuun kan rawwatamu karaa lamaanii
- Cheekii Mallaqa hin qabne kennuu fi
- Waliigaltee liqaa mallateessuun yakka rawwatamuudhaa.
- Cheekii Mallaaqa Hin qabneen Araaxaa Rawwatamu
Cheekiin Hojii daldalaa keessatti hojimaata seera qabessaa namoota baay’ee jidduutti raawwatamuudha.Haa ta’u malee liqeessitootni Araaxaa namoota hanqina maallaqaa qaban barbaadanii qarshii dhala seeraan alaa qarshii haadhoo liqeessan faana walitti ida’uun liqeeffataan cheekii maallaqaa gahaa hin qabne akka kennaniif taasisuun cheekii hojii seera qabeessaaf karoorfame hojii seeraan alaatif oolchaa jiru.Araaxaa liqeessitootni dawoo cheekitiin namootni liqeeffatan maallaqa isaanii yeroon deebisuufi yoo didan(dhiisan) yookiin yoo dadhaban himannaa hariiroo hawaasaa irratti banuudhaan manni fi qabeenyi isaanii akka gurguramu gochuun dabalatatti yakkaan immoo poolisidhaaf eeruu kennuun akka himatamanii hidhaman gochaa jiru.Seera yakkaa bara 1996 bahe keewwata 693(1) irraa akka hubachuun danda’amutti namni kamiyyuu cheekiin yeroo baankiif dhiyaatutti maallaqa gahaa itti ajaju kan hin qabne ta’uu osoo beekuu cheekii kan kenne yoo ta’e hidhaa salphaa yookiin akka cimina dhimmichaatti hidhaa cimaa waggaa 10 hin caalle fi adabbii maallaqaan kan adabamu ta’uu hubanna.Tumaa seeraa kana dawoo godhachuun liqeessitootni namoota cheekii gogaa barreessan yakkaan waan himatan fakkeessun sodaachisuun liqeeffattootni immoo hidhaa sodaachuun qabeenya qaban gurguruun yookiin immoo Araaxaa biraa liqeeffachuun maallaqa isaaan irra jiru kaffaluuf oso asii fi achi jooranuu maraammartoo kana keessaa bahuu dadhabanii maatii isaanis rakkoo guddaaf kan saaxilan baay’edha.Gama kanaan seerri ifa ta’e osoo jiruu miidhamaan dhuunfaa akkaawuntii baankii (Bank Account) himatamaa maallaqni akka keessa hin jirre osoo beekuu gowwoomsuun kan hin jirre waan ta’eef cheekii maallaqa hin qabne kennuun mataa isaatin yakka miti jedhanii ogeessotni seeraa falman jiru.Haa ta’u malee cheekii maallaqa gogaan(maallaqa hin qabne) yakka daldala sirna baankii fi akka waliigalaatti dinagdee biyyaa irratti raawwatamu waan ta’eef kana ittisuuf jecha seerri sanadoota socho’an irratti eegumsa gochuuf cheekii gogaa kennuun gocha yakkaa ta’uu tumeera.Kanaan walqabatee dhaddachi Ijibaataa Mana Murtii Waliigala Federaalaa Jildii 12ffaa lakk.galmee 55077 irratti cheekiin kennamuu qofa osoo hin taanee dugda duuba isaa waliigaltee maaltu jira jedhanii xinxaluu dhiisuun kaayyoo seera daldalaa kwt 717 bu’ura kan hin godhanne jechuun murtii kennee jira. Kanaan walqabatee yakkichi jalqabamee kan xummuramu cheekiin nama kaffalamuuf yeroo qaqqabetti maallaqa dhabuun isaa yommuu beekamu ta’uu dhaddachi ijibaataa lakk. Galmee 67947 irratti murtii dirqisiisaa kenne irraa hubachuun ni danda’ama.
- Waliigaltee Dawoo Godhachuun Araaxaa rawwatamu
Waliigaltee dawoo godhaachuun Araaxaan kan rawwatamuu qaamootiin walii galtee raawwatan dachaa maallaaqa wal harkaa fuudhanii yookiin maallaqa wal harkaa fuudhani dachaa lamaa akka liqeeffatan fakkeessanni waliigaltee isaanii irratti caqasuun guyyaa fi bakka waliigalticha irratti caqasame irratti kaffaluuf barbaadee fi jaallatee waraqaa walii galtee irratti akka mallateessuu gochuudha.Kana jechuun fakkeenyaaf qarshii 50,000 kan liqeessee yoo ta’e akka waan 100,000 liqeffatee fakkeesse mallatteessuu jechuudha.Bu’uuruma kanaan Araaxaa kaffaluu dadhabanii mannii fi qabeenyi isaani ajaja M/Murtiin kan jala gurgurame baay’eedha.
- Waliigaltee dawoo godhachuudhaan falmiwwan dhayaatan ija seera H/H tiin yommuu ilaalluu yeroo baay’ee Araaxaafi waliigaltee liqaa dawoo godhachuun falmii dhiyaatu fi galmicha irratti ilaalchota dachaa jiranidha .
- Innii jalqabaa Waliigaltee mirkaneessuu kan ilaallatuudha.
Kana jechuun walii galteen jira bu’uura waliigalteetiin liqaa isaa haa kaffalu kan jedhuu yommuu ta’uu kana mirkaneessuuf bu’uura waliigaltee liqaa fi akkasumas waliigalteen liqaa yommuu taasifamu ragootaa turan caqasunii.Kanaaf S/H/H/ Kwt 1731 ibsuuf kewwatoonni dhiyaatan S/H/H / kwt 2003, 2005 fi 2006 dha.
Kewwattootaa akka armaan gaditti ilaalla
kwt 1731:- Bu’aa waliigaltee ilaalchisee
- Walii galteewwan bu’uura seeraatiin hundaa’an qaama waliigale jiddutti seera ta’u.
- Jechoonni walii galtee keessatti argaman kan qaamonni waliigaltee uuman itti waliigalaniidha.
Kwt. 2003 walii galteewwan bifa barreeffamaan haa taasifaman jedhaman irratti barreeffamni kun kan tarsa’e, kan hatame, kan bade ta’uun isaa hanga hin mirkanoofnetti waliigaltee ragadhaan ykn tilmaama sammuutiin hubachiisuu, mirkaneessun hin danda’amuu.
Kwt 2005 –Barreeffamnii waliigaltee mirkaneessuuf gahaa ta’uu
- Sanada barreeffamaa irratti jechoonnii argaman akkasumas guyyaa barraa’e qaamota walii mallateesse jiddutti ragaa gahaa amantaan itti kennamuudha.
KWT – 2006; Ragaa mormii
- Jechoota barreeffama keessatti argaman mormuun kan danda’amuu jechichi isuma kana qaama jedhu kakachiisuudhaan qofa.
- Jechoota barreeffama keessatti tarraa’aniif (argamaniif)ragaa nama ykn tilmaamaa sammuu dhiyessun hin danda’amu.
Kewwattonni kun waa’ee waliigaltee mirkaneessu fi bu’aa isaa fi waliigalteen barreeffamaa jiru fedhaa fi barbaadee hanga mallateessutti fi walii galteen hanga hin banneeti fi hin tarsaaneetti raawwatiinsa qabaachuu agarsiisu.
Haata’uu malee amma ka’aa kan jiru qarshii 30,000 fuudhanii akka 60,000 fudhatanitti mallateessisuudha.Kanaaf rakkoowwan kanaaf furmaanni maali kan jedhu qaamoleen haqaa hundi gahee isaanii bahuu qabu kan jedhuufi hawaasnis dhimmoota kana irratti eeruu qaamolee kanaaf kennuun tumsa gochuu qabu kan jedhu yaada xummuraati.
Mulugetaa Magarsaa
Godina jimmaatirraa.