Barruu Xinxala Murtii
Itti Gaafataamummaa Waliigalteen Alaa Dhaabbilee Fayyaa Vs Murtii Dhaddacha Ijibaattaa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa lakk.Galmee 64590 irratti kenne pdf
Itti Gaafataamummaa Waliigalteen Alaa Dhaabbilee Fayyaa Vs Murtii Dhaddacha Ijibaattaa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa lakk.Galmee 64590 irratti kenne pdf
Itti Gaafataamummaa Waliigalteen Alaa Dhaabbilee Fayyaa Vs Murtii Dhaddacha Ijibaattaa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa lakk.Galmee 64590 irratti kenne Abbaa Alangaa Mulugeetaa Magarsaatin Qophaa’e Haqa kessan mirkaneessuuf Hojjenna Mana Hojii AA Godina Jimmaa Gabaajeewwanii fi jechoota Kottoonfataa A/A:-Abbaa Alangaa A/S:-Abbaa Seeraa MM:-Mana Murtii MMW:-Mana Murtii Waliigalaa MMWF:_Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa SDFHH:-Seera ADeemsa Falmii Hariiroo Hawaasaa SHH:-Seera …
Mirga Ol’iyyannoo A bbaa Alangaa Mirga Wabii irratti qabu S/D/F/Y/Keewwata 75(1) Vs Murtii Dhaddacha Ijibaataa Mana Murtii Waliigala Federaalaa lakk. galmee 110969
Barruu xinxala seeraa AA Mulugeta Magarsaan
Dhimmootni RTD dhaan ilaalaman mirga of irraa ittisuu shakkamaa kan hin sarbine ta’uu seerotaa fi Murtii dhaddacha Ijibaataa Mana Murtii Waliigala Federaalaa Jildii 17ffaa Lakk.Galmee 100712 ta’e irratti kenname
Barruu:- Xinxala Seeraa.
Qophessaan:- Mulugeta M.
Bitootessa 2013
Jimmaa, Oromiyaa
https://youtu.be/0glebW9EFh8
1.1. Seensa waligalaa
Namni himatame akkuma nama kamiyyuu mirgoota daangaa seeraa keessatti kabajameef qaba.Mirgoota kana keessaa mirga murtii saffisaa argachuun isa tokkoodha.Mirgi kunis Heera Mootummaa Federaalaa Dimookraatawaa Rippublika Itoophiyaa keewwata 20(1) irraa hubachuun ni danda’ama.Gama biraatin immoo dhimmi yakkaa osoo wal-irraa hin ciccitin yeroo gabaabaa keessatti kan dhagahamuu fi xummuramuu qabu ta’uu seera deemsa falmii yakkaa irraa hubachuun ni danda’ama.Kana qofa osoo hin taane seerota idila addunyaa biyyi keenya mallateessite keessa tokko kan ta’e Konveenshiniin Mirga sivilii fi siyaasaa mirga kanaaf beekkamtii fi eegumsa kenneet jira.Haa ta’u malee gaalee yeroo gabaabaa jedhu kun hiikoof kan saaxilame waan ta’eef dhimmuma walfakkaataa irratti murtiin kennamu garaagarummaan guyyootaa,torbanii fi darbees baatidhaan lakkaa’amu akka uumamu ta’eet jira.Kana Furuudhaaf jecha immoo yaadrimeen Tooftaa Saffisa Adeemsa Falmii Yakkaa (TSAFY) yookiin RTD (Real time Dispach) jedhu hojii irra ooluu danda’eera.Haa ta’u malee gama ogeessota adda addaatin ilaalchi fi hubannoon yaadrimee kana irratti muldhatu(mul’atu)murtiiwwan adda addaa akka kennamaniif sababa ta’aat jira.
Garaagarummaa ilaalchota dhimma kana irratti muldhatan (Mul’atan) keessaa mirga of irraa ittisuu himatamaa dhiphisaa, hanga murtiin dhumaa kennamutti mirga qulqulluu ta’ee tilmaamamuu himatamaa sarbaa.Mirga Abukkaattoo isaa faana mari’achuu sarba kan jedhan isaan ijoodha.Kanuma bu’ura godhachuudhaan dhugumayyuu tooftaan Saffisa Adeemsaa Falmii Yakkaa(TSAFY) yookiin RTD mirga of irraa ittisuu(ragaa ittisaa dhiyeeffachuu) himatamaa sarba moo? hin sarbu? kan jedhu barreeffama kana keessatti kan ilaallu ta’a.
Seenaa Dhufaatii
Adeemsi murtii battalaa (TSAFY) yookiin RTD dhuma bara 1994(GC) irratti biyya Faransaayitti kan jalqabamee fi booda irra gara guutuu Faransaayitti kan babaldhate(babal’ate) ta’uu odeeffannoowwan gama kanaan barreeffaman ni muldhisu(Mul’isu).Booda irra immoo bara 2006(Gc) biyya Yunaayitid Kingdam(UK)tti moggaasa ‘Next Day Justice’ jedhuun jijjiirama guddaa akka fide himama.Biyya Faransaayitti “Real Time Dispatch” Britaaniyaatti “Next Day Justice”kan jedhamu adeemsa addaa osoo hin taane tooftaa addaati.(RTD is not a special procedure as such.It is rather a technique).Yeroo baay’ee dhimmootni kun hojii irra kan oolan yakkoota harhaaf harkatti qabamaniifi.
Akka Biyya keenyaatti yeroo jalqabaatif dhimmi kun kan hojiirra oole biyya Harargeetti kabaja Ayyaanaa Gabreelii Qullubbiitti.Ergaa ennaa sanaati jala bultii Barkumee Itoophiyaatii jalqabee Magaalaa Finfinneetti kan ittiin hojjatamaa jirudha.Kana Qofaa osoo hin taane Biyya Hawaasaatti kabaja ayyaana Gabreeli irratti yakkoota harkaa fi harkaa irratti adeemsi kun kan baldhinaan itti hojjatamaa jiruudha..
Muuxannoo Biyya Ambaa
1.Faransaay:-Biyyi kun wixinneessituu yaada kanaa akka taate ni beekama.
Ulaagaawwan biyya kanatti itti fayyadaman yoo ilaallu
Dhimmichi RDT’f mijataa ta’uu qaba
A/A fi Himatamaan /Abukaattoon isaa dhimmichi RTD dhaan akka ilaalamu waliigaltee irra gahuu qabu.
Gochi Yakkaa raawwatame hidhaa waggaa 7 olii kan hin adabsiifne ta’uu qaba
Himatamaan Abokaattoo ittisaa faana dhiyaachuu qaba.
Dhimmi guyyaa 1tti hin xummuramu yoo ta’e himatamaa hanga guyyaa 5tti to’annaa jala tursiisuun ni danda’ama.
2.Biyya Inglaand
Aangoo Poolisiitii
Aangoo galmee cufu qaba.
Poolisiin dhimmichi adeemsa seeraa keessa darbuu qaba jedhe yoo itti amane A/Alangaatti dabarsa.
Jalqaba dhimmichi RDT dhaan kan ilaalamu ta’uu seeraan tumamuu qaba.
Aangoo M/Murtii Maajistireetii jalatti kan kufu ta’uu qaba.
Hanga hidhaa baatii 6’tiin kan adabsiisu ta’uu fi
Himatamaan gocha yakkaa kan raawwate ta’uu amanuu qaba.
3.Muuxannoo Biyya Keenyaa
Immaamata haqa yakkaa bara 2003 bahe irratti qaamotni haqaa yakkoota harkaaf harkaa qabiyyeen ragaa isaanii walxaxaa hin taanee fi yakkoota biroo sirna gabaabaan yeroodhuma sana M/Murtiif dhiyaatanii murtii akka argatan hojiimaata hojii irra oolchu jechuun ibsee jira.
Yakka harkaa fi harkaa fi yakkoota biro adeemsa gabaabaadhan akka ilaalaman murteessuuf aangoo kan A/A ta’uu ibsa.Kana yommuu murteessu garuu haala waliigala yakkichaa,qabiyyee fi dandeetti ragaa akkasumas fedhi miidhamaa fi shakkamaa ilaalcha keessa kan galche ta’uu seera deemsa falmii fi seerota biroo keessatti ifaan tumama ergaa jedhu qaba.Haa ta’u malee seera deemsa falmii yakkaa keessatti yakkoota harkaa fi harkaatin walqabatee haala eeru fi himannaan itti dhiyaatu ilaalchisee s/d/f/y/keewwata 21(1) jalatti yakkoota iyyannoo dhuunfaatin dhiyaatan irratti eerus ta’ee himannaa dhiyeessu osoo hin barbaachisin himannaa dhiyeessun ni danda’ama ergaa jedhu qaba kun hamma ta’e dhimmichi akka saffisaan ilaalamu furmaata kan kaa’e fakkaata haa ta’u malee yeroo hammamii keessatti isa jedhu hin ibsine.
4.Naannoo Oromiyaa
Jiijjiiramni Bu’uraa Adeemsa Hojii(JBAH)’n bara 2006 fooyya’ee bahe akka ibsutti dhimmi tokko RTD dha jedhamee ilaalamuuf ulaagaawwan guutamuu qaban:-
Yakka harkaa fi harkatti qabaman
Gocha yakkaa raawwatamee qoratamuun sa’aatii 48:00 keessatti himatni M/Murtii yoo dhiyaate
Bu’aan ragaa teeknikaa yookiin taaktikaa deeggaramuu qabu sa’aatii 48:00 keessatti walqabatee dhiyaachuu yoo danda’e
Yakki raawwatame miidhaan isaa fulduratti bu’aa gara biraa kan hin hordofsifne ta’uun isaa yoo mirkanaa’ee beekame.
Kanaaf barreeffamoota armaan olii irraa akka hubannutti dhimmichi raawwatamee sa’aatii 48 keessatti mana murtii dhiyaatee yoo murtii argate ta’uu hubanna.Haa ta’u malee gama kamiin mirga of irraa ittisuu himatamaa sarba kan jedhu irratti garaagarummaa ilaalchaa yoo ta’e malee seerichi waanti ifaan kaa’u jiraachuu baatus waanti ifaan hin dhorkamne immoo akka eeyyamametti lakkaa’ama qajeeltoo jedhu fudhachuudhaan me dhimma armaan gadii kana haa ilaallu.
Xinxala dhimmaa
Murtii Dhaddacha Ijibaataa M/M Waliigala Federaalaa Jildii 17 lakk.galmee 100712 irratti
Dhimmootni RTD dhaan ilaalaman mirga of irraa ittisuu himatamaa kan hambisu danda’an himatamaan karaa ifa ta’een mirga of irraa ittisuu isaa kan dhiise ta’uu yoo mirkaneesse qofa.
Murtiin dhaddachi kun kenne jildii 17ffaa lakk.galmee 100712 irratti yommuu ta’u dhimmichi kan jalqabe waamamaan ammaa iyyataa ammaa irratti himannaa dhiyeesse bu’ura godhachuudhani.Kunis iyyataan ammaa seera yakkaa MFDRI bara 1996 bahe keewwata 669(2) irra darbuun badhaadhina hin malle ofii argachuuf yookiin nama biroof argamsiisuuf yaadee gaafa guyyaa 18/02/2006 tilmaamaan guyyaa keessaa sa’aatii 6:00 yommuu ta’u kutaa addaa Kolfee Qaraaniyoo Aanaa 02 bakka addaa dhaabbata oomisha bu’aa pilaastikaa Kaarra Qoree Dagaamaan jedhamu keessatti Hojii Gaggeessaa(dura bu’aa) ta’ee qacaramee osoo hojjachaa jiruu qabeenya miidhamaa dhuunfaa Amaara Abrahaam kan ta’an pilaastika meeshaa dheedhii kophee karaxixi dhibba tokkoof shantama,gatiin karaxixix tokkoo qarshii 1100(kuma tokkoof dhibba tokko) waliigala tilmaama qarshii 165,000(Kuma dhibba tokkoo fi jahaatamii shan) baasu fudhatee himatamaa 2ffaa obbo Darajjee Fiqaaduutti kan gurguree qabame waan ta’eef yakka hannaa cimaa raawwateef himatame kan jedhudha.Himatamaanis M/Murtii dhiyaatee himannaan A/A dubbifameefi akka hubatu erga taasifamee booda jecha amantaa fi waakki gaafatamee kan waakkate waan ta’eef A/A ragoota himannaa isaa mirkaneessaniif dhiyeessee dhageessiseera.
Kana booda ragoonni A/A irratti kan mirkaneessan ta’uu hubachuun ragaa ittisaa fedhii iyyataatin kan bira darbe ta’uu caqasuun keewwatuma A/A himate jalatti balleessaadha erga jedhee booda bu’ura qajeelfama adabbiitin xinxaluu isaa caqasee hidhaa cimaa waggaa 8 fi baatii 5 akka adabamu murteesse.Iyyataanis murtii kana komachuun M/Murtii Ol’Aanaa Federaalaatti dhiyeeffachuun bitaaf mirgi erga wal falmaniii booda murtiin balleessuma Mana Murtii jalaa kan cime ta’us murtii adabbii kenname irratti garuu akkaataa qabiinsa sababoota adabbii cimsanii fi salphisan irratti dogoggorri kan jiru ta’uu fi dogoggora sana kan sirreesse ta’u ibsuun iyyataa hidhaa cimaa waggaa 6 fi baatii 6 tin akka adabamu murteesse.
Iyyatni ijibaata amma dhiyaate kun murtii kana komachuun yommuu ta’u qabiyyeen bu’uraa iyyatichaas manni murtii jalaa raga ittisaa nan qaba osoon jedhuu raga ittisaa iyyataa osoo hin dhagahin kan darbe A/A yakkichi raawwatamuu isaa hin mirkaneessine,yakki raawwatamee jedhamee fi keewwatni caqasame kan wal hin simne fi murtiin adabbii kenname sirri miti sababoota jedhan kan qabateedha.Iyyatichi qoratamee mirgi raga ittisaa himatamaa kan bira darbame sirrii ta’uu fi dhiisuu isaa qulqulleessuuf dhaddacha kanatti akka dhiyaatu kan taasifame yommuu ta’u waamamaanis dhiyaatee bitaaf mirgi barreeffamaan akka walfalman taasifameera.Akkasumas galmeen haadhoon mana murtii jalaa akka dhiyaatu taasifameera.
Jalaa Dhufaatin dhimmichaa gabaabinaan akka armaan olittii ibsame yommuu ta’u dhaddachi kun falmii bitaaf mirgaa murtii iyyata ijibaataaf ka’umsa ta’e tumaalee seeraa faana mirkaneessun ni dhiyeessisa jechuun ijoo qabame faana akka itti aanutti qorateera.
Iyyataan balleessaadha kan jedhame ragoota A/Alangaa dhiyeefateen iyyataan ragaa ittisaa hin qabu akka jedhe barreeffamaa fi jechaan mana murtiif mirkaneesse ta’uu garagalcha murtii Mana Murtii jalaa irraa hubanneerra.Iyyataan sadarkaa ijibaatatti immoo ibsi mana murtii jalaa kun fedhii isaanitiin ala galmaa’u fi raga ittisaa dhiyeeffachuuf gaaffii dhiyeeffatanii kan ture ta’u ibsuun falmaniiru.
Bu’urumaan mirga namoota himatamanii seeraan eegameef keessaa tokko raga isaan irratti dhiyaate kamiyyuu ilaaluu,ragoota isaan irratti dhiyaatan gaafachuu,ragaa ittisaaf isaan fayyadu dhiyeeffachuu yookiin dhiyeessifachuu akkasumas ragoonni isaani dhiyaatanii akka dhagahamaniif gaafachuu akka ta’e Heera Mootummaa FDRI keewwata 20(4) kan tume yommuu ta’u mirgi kun bu’ura Heera Mootummaa keewwata 9(4) tin waliigalteewwan Idila Addunyaa qaama seera biyyatti ta’en eegumsi kan taasifameef ta’uu waliigaltee Mirga Sivilii fi Siyaasaa keewwata 14(3)(B) irraa hubachuun ni danda’ama.Mirgi himatamaa tumaalee kana jalatti ibsaman kan hubachiisu himatamaan tokko ragaa hin taaneen balleessaa akka hin jedhamnee fi gama himataatinis ragaan dhiyaate yoo ta’e gama isaatin gocha balleesaa kan hin raawwannee fi qulqulluu ta’uu isaa ibsuu haala itti danda’u ta’uu dha.Kanaaf himannaa isa irratti dhiyaateef ittisa dhiyeeffachuuf waantoota barbaachisoo ta’anii fi yeroo gahaa argachuu akka qabu seerichi ni hubachiisa.Himatamaan mirga of irraa ittisuu heera mootummaan eegumsi taasifameef akka seeraan fayyadamu gochuun(Taasisuun) itti gaafatamummaa mana murtii ta’uu hafuura fi qabiyyee tumaa heera mootummaa keewwata 13(1) fi (2) irraa dhimma hubannuu dha.Kana ta’uu isaatin mirga of irraa ittisuu himatamaa bira darbuun kan danda’amu himatamaan mirga isaa kan itti hin fayyadamne ta’uu ifaan mana murtiif yommuu mirkaneessu qofa akka ta’e hafuura tumaalee irraa kan hubannuudha.Himatamaan mirga isaa dhiisuu bakka hin mirkanoofnetti garuu himatamaan mirga of irraa ittisuu dhiisera ibsa jedhuun manni murtii xinxala isaa irratti qofa caqasun seerummaa kennuun adeemsa sirrii miti.
Dheerina dhimmoota hambisuuf jechuudha tooftaan adeemsa murtii battalaa RTD kaayyoon isaa bu’uraa dhimmoota raga walxaxaa hin qabne haala salphaan murteessuf hojiimaata diriirsuun alatti mirgoota himatamaa heera mootummaa fi seerota biro raawwatinsa qabaniin egaman haala miidhuu danda’uun hojii irra oolchuu akka hin taane ni beekama.Kana ta’uu isaatin mirgootni seeraan eegamanii fi adeemsi seerummaa galumsa seeraatin hoojirra olchuun seerummaa kennuun alatti dhimmi tokko adeemsa murtii battalaa RTD bu’ura godhatee dhiyaachuu isaatin qofa kan hafu miti. Adeemsa murtii battalaa RTD bu’ura godhachuun dhimmi ilaalamu mirga of irraa ittisuu himatamaa dhiisuuf kan dandeessisu himatamaan mirga isaa kana haala shakkii hin uumnen dhiisuu isaa yoo mirkaneessedha.
Dhimma qabannetti yommuu deebinu manni murtii jalaa dhimmicha kan ilaale hojimaata adeemsa murtii battalaatin yommuu ta’u iyyataa balleessaa kan taasise raga A/Alangaatin itti mirkanaa’ee ragaa ittisaa akka qabu gaafatamee ragaa ittisaa nan qaba jechuun dhaddachaaf jechaafi barreeffamaan kan mirkaneesse sababa jedhuun ta’uu qabiyyee murtii irraa ilaallerra.Barreeffamni mana murtii jalaa kun iyyataan karaa tokkoon barreeffamaanis ta’ee jechaan ragaa ittisaa nan qaba jechuu kan agarsiisu yommuu ta’u gama biraatin immoo iyyataan raga ittisaa kan hin qabne ta’uu ibsuu kan mirkaneessedha.Barreefama mana murtii jalaa iftoomina dhabe kana dhugummaa isaa hubachuuf jecha galmee haadhoo dhiyeessifnee ilaallerra.Galmee mana murtii jalaa akka ilaaletti manni murtii jalaa iyyataadhaan jala murtii of irraa ittisi onkololeessa 28 bara 2008 dhaddacha ooleen yommuu kennu Jala Murtii guca/foormii dursee qophaa’een guutamee kan kenname yommuu ta’u qabiyyeen isaas iyyataan ragaa ittisaa hin qabu jechuun ibsuun kana kan ibse immoo dhaddacha irratti barreeffamaa fi jechaan ta’uu kan ibsu ta’us iyyataan jechaan ibsuu isaa Jala murtiin ala waraqaa dhaddachaa irratti kan hin galmoofne barreeffamaan mirkaneessera jechi jedhus sanadoota galmicha keessa jiran keessa kan hin jirre ta’uu dhaddachi kun hubateera.Kana ta’uu isaatin manni murtii jalaa foormii jala murtiif fi murtii dursee qophaa’e yommuu guutu jechootaa fi gaalewwan qalamaan(iskiribtoodhaan) haqee iyyataan ragaa ittisaa hin qabu jedhe jechaa fi barreeffamaan mirkaneessera jechuun raga ittisaa dhagahuu kan darbe ta’us ragaan kana mirkaneessu dhabamuun isaa galmee haadhoo mana murtii jalaa irraa hubanneerra.Karaa kanaan dhimmicha yommuu ilaallu iyyataan mirga seeraan eegameef mirga ragaa ittisaa dhageessifachuu manni murtii jalaa kan darbe iyyataan ifatti mirga isaatti fayyadamuu dhiisuu osoo hin mirkaneeffatin ta’uu isaatin murtiin dhimmicha irratti kenname dogoggora seeraa bu’uraa ta’e kan qabu ta’ee argineerra.
Yaada Xummuraa
Kanaaf akka waliigalaatti dhimmoota armaan olitti tarraa’an yommuu cuunfinee ilaallu muuxannoowwan biyya alaa keessattis ta’ee akka biyya keenyaatti jiran irratti dhimmi tokko adeemsa murtii battalaa(RTD) dhaan ilaalamuun isaa mirga of irraa ittisuu himatamaa kan hin sarbine ta’uudha.Dabalataan xinxala dhaddacha ijibaata kanaa irraa kan hubannu dhimmichi adeemsa murtii battalaatin(RTD) dhaan ilaalamuun isaa qofti mirga of irraa ittisuu himatamaa kan hin sarbine ta’uudha.Haa ta’u malee mirgi kun kan bira darbamuu danda’u himatamaan ifaan ifatti mirga kanatti fayyadamuu kan hin barbaanne ta’uu haala shakkii hin uumneen jechaa fi barreeffamaan yoo ibseedha.Kana jechuun akka qajeeltotti dhimmotni adeemsa murtii battalaatin (RDT) ilaalaman mirga of irraa ittisuu hin sarban garuu immoo haala addaatin himatamaan fedhii yoo qabaate bira darbamuu danda’a fedhii isaa kanas ifaan yoo ibse qofa ta’a jechuudha Kanaaf mirgi of irraa ittisuu himatamaa mirga heera mootummaa biyya keenyaanis ta’ee seerota idila addunyaa biyyi keenya mallatteessitee keessatti eegumsi taasifameef kana hojii irra oolchudhaan walqabatee garuu of-eeggannoo qaamni hunduu taasisuu akka qabuudha.Sababni isaammoo yakkoota RTD dhaan ilaalaman irratti dhimmichi RTD dhaan ilaalamun isaa qofti mirga of irraa ittisuu himatamaa kan hin sarbine ta’uu hubatamee qaamoleen haqaa hundi gahee isaanii bahachuu akka qaban hubatamuu qaba.
Mulugeetaa Magarsaa
Aanaa Cooraa Botor
Jimmaa Oromiyaa.
.
1.1 Seensaa
Qabenya Horachuun mirgoota Heera Mootummaa keessatti tarraa’an keessaa isa tokko yommuu ta’u qabeenya horachuun immoo dhimma akkaa salphaatti raawwatamu waan hin taaneef bu’aa bahii baay’ee fi dhamaatii guddaa kan barbaadudha. Gama biraatin immoo qabenyaa namnii dadhabbii fi xaarii baay’en horate (argate) namoonni tokko tokko immo qabenyaa kana karaa seeraan alaa kan ofii gochuun karaa qaxxamuraatiin duroomuuf tattaafiiwwan adda addaa kan godhan yommuu ta’uu faallaa namoota kanaa immoo Namoonnii qabenyii isaanii jalaa fudhatame immoo waan qabaniif gadhiisan wallaalanii jirenyi maatii isaanis jeeqamee maatiin isaanii bittinaa’anii keessa darbaniis lubbuu ofii hanga balleessutti kan qaqqaban ta’uu rakkina akka biyyaattis akka naannoottis bal’inaan mul’atuudhaa.
Magalota gurguddoo keessattii yeroo ammaa liqaa araxaatiin qarshiwwan miliyoonaan lakkaa’amu kennamee dhala sana irraa argamuun karaa qaxxamuraan namoonnii durooman lakkofsaan baay’achaa jiru.Gochi kun immoo dinagdee hawaasaa fi tasgabbii biyyaa irratti midhaan innii qaqqabsiisu salphaa kan hin jedhamne ta’uu isaatiin dabalatattii gocha seeraan ala ta’ee fi duudhaa ummataa wajjin kan hin deemne ta’ee argama.
1.2. Hiikoo Araxaa
Seera yakkaa keenya irratti hiikoon jecha araaxaa ifaan kan jiru ta’uu baatus galumsa keeyyatichaa irraa garu hubachuun ni danda’ama.Seera yakkaa keenya bara 1996 fooyya’ee bahee irratti Boqonnaa 3 Yakkoota Mirga Qabenyaa irratti raawwataman jedhu jalatti kutaa 3ffaa mata duree yakkoota rakkoo yaadaa yookiin namaa bu’ura godhachuun raawwataman jedhuu 3 keessaa 1 araxaadha.Bu’uura seera yakka kwt 712(1) araxaa jechuun rakkoo gadi aantummaa yookiin rakkina maallaqaa yookiin dadhabina yaadaa yookiin muuxannoo yookiin dandeetti dhabuu miidhamaa bu’uura godhachuun dhala eyyamame yookiin maallaqa liqeessun yookiin mallaqa liqeessen qabenya madaalawa hin taane bakka isaa akka kennu gochuun yookiin waadaa galchuu ta’uu hubanna.
Namoonni dhuunfaa yeroo adda addaa hanqina maallaqaa isaan mudatuuf yeroo barbaadanitti liqaa maallaqaa hanga barbaadan caarraa Baankii irraa argachuu dhabuu danda’u.Yeroo kanatti rakkina isaan mudate furuuf gara addunyaa liqiitti kan galan yommuu ta’u kanaaf immoo filannoo biraa waan hin qabneef dhimmoota dhiyaataniif fudhachuun alatti filannoo biraa dhabudhaan walqabatee liqeessitoota isaani irraa dhala seeraan taa’e caallatti qarshii /maallaqa liqeeffachuuf waliigalu yookiin wabii cheekii akka kennan dirqamuu.
1.3. Dhala seeraan eeyyamameen ala/dhala seeraan alaa jedhu daangaan isaa hangamitti?
Odeeffannooon toora intarneetii irra jiru akka muldhisutti:-
<>
Kun gara Afaan Oromootti dheedhidhuma isaa yommuu jijjiiramu<>.Yaada barreessaati).Hiikoo kana irraa akka hubannutti dhala jechun maallaqa nama biraa irraa fudhannee(liqeeffannee) yeroo muraasaf fayyadamuu keenyaaf kaffaltii raawwatamu ta’uu hubanna.Egaa waa’ee hiikoo dhalaa gahaa ta’uu baatus hanga kana yoo jenne itti aansinee immoo dhalli seeraan eeyyamame hangami kan jedhu ija seera biyya keenyaatin ilaalla.
Seera Hariiroo Hawaasaa keewwata 1751 irraa akka hubannutti dhala waliigalticha keessatti hin caqasamne irratti liqeeffataan waggaatti 9%(dhibbeentaa sagal) kaffaluu kan danda’u ta’uu ibsa.Dabalataan immoo keewwata 2479(1) qaamotni waliigaltee raawwatan lamaan dhala waggaa 12 %(dhibbentaa kudha lamaa) olitti waliigaluu kan hin dandeenye ta’uu isaati.Dubbisa keewwattoota kana lamaanii irraa hubachuun kan danda’amu dhalli kamiyyuu ka’umsi isaa 9% (dhibbeentaa sagal) yommuu ta’u baaxiin isaa immoo 12 %(dhibbentaa kudha lamaa) ta’uu hubanna.Kanaan walqabatee dhimmi biraa ka’uu danda’u dhalli shallagamuu kan qabu waggaatti? moo ji’aani? kan jedhu dhimma deebii argachuu qabuudha.Kana irratti keewwattoonni rogummaa qaban keewwata 1751 fi 2479 dha.Akkaataa keewwatoota kanaatti dhalli Shallagamuu kan qabu waggaatti malee ji’atti akka hin taane irraa hubachuu dandeenya.
Kanaan walqabatee dhimma kana irratti Dhaddachi Ijibaataa Mana Murtii Waliigala Federaalaa Jildii 15ffaa lakk.galmee 80119 irratti namni tokko ji’aan dhala %10(dhibbentaa kudhan) shallaguun maallaqa kan liqeesse yoo ta’e ulaagaa yakka Araaxaa ni hundeessa jechuun murtii dirqisiisaa kenneet(laatee) jira.Dabalataan Jildii 17ffaa lakk.galmee 102711 ta’e irratti murtii kenneen qaamotni waliigaltee raawwatan waliigaltee isaanii irratti dhalli ji’aan kan shallagamu ta’uu kan caqasan yoo ta’e waliigalteen sun fudhatama kan hin qabne ta’uu ibseera.Kanaaf seerota armaan iloo fi murtiiwwan kennaman irraa kan hubachuu dandeenyu dhalli shallagamuu kan qabu waggaatti ta’uu dha.
Kanatti aansudhaan immoo yakki Aaraaxaa akkamitti qaawwa seeraa dawoo godhachuudhaan akka raawwataman ilaalla.
2. Yakkii Araaxaa seera dawoo godhachuun kan rawwatamu karaa lamaanii
1. Cheekii Mallaqa hin qabne kennuu fi
2. Waliigaltee liqaa mallateessuun yakka rawwatamuudhaa.
2.1. Cheekii Mallaaqa Hin qabneen Araaxaa Rawwatamu
Cheekiin Hojii daldalaa keessatti hojimaata seera qabessaa namoota baay’ee jidduutti raawwatamuudha.Haa ta’u malee liqeessitootni Araaxaa namoota hanqina maallaqaa qaban barbaadanii qarshii dhala seeraan alaa qarshii haadhoo liqeessan faana walitti ida’uun liqeeffataan cheekii maallaqaa gahaa hin qabne akka kennaniif taasisuun cheekii hojii seera qabeessaaf karoorfame hojii seeraan alaatif oolchaa jiru.Araaxaa liqeessitootni dawoo cheekitiin namootni liqeeffatan maallaqa isaanii yeroon deebisuufi yoo didan(dhiisan) yookiin yoo dadhaban himannaa hariiroo hawaasaa irratti banuudhaan manni fi qabeenyi isaanii akka gurguramu gochuun dabalatatti yakkaan immoo poolisidhaaf eeruu kennuun akka himatamanii hidhaman gochaa jiru.Seera yakkaa bara 1996 bahe keewwata 693(1) irraa akka hubachuun danda’amutti namni kamiyyuu cheekiin yeroo baankiif dhiyaatutti maallaqa gahaa itti ajaju kan hin qabne ta’uu osoo beekuu cheekii kan kenne yoo ta’e hidhaa salphaa yookiin akka cimina dhimmichaatti hidhaa cimaa waggaa 10 hin caalle fi adabbii maallaqaan kan adabamu ta’uu hubanna.Tumaa seeraa kana dawoo godhachuun liqeessitootni namoota cheekii gogaa barreessan yakkaan waan himatan fakkeessun sodaachisuun liqeeffattootni immoo hidhaa sodaachuun qabeenya qaban gurguruun yookiin immoo Araaxaa biraa liqeeffachuun maallaqa isaaan irra jiru kaffaluuf oso asii fi achi jooranuu maraammartoo kana keessaa bahuu dadhabanii maatii isaanis rakkoo guddaaf kan saaxilan baay’edha.Gama kanaan seerri ifa ta’e osoo jiruu miidhamaan dhuunfaa akkaawuntii baankii (Bank Account) himatamaa maallaqni akka keessa hin jirre osoo beekuu gowwoomsuun kan hin jirre waan ta’eef cheekii maallaqa hin qabne kennuun mataa isaatin yakka miti jedhanii ogeessotni seeraa falman jiru.Haa ta’u malee cheekii maallaqa gogaan(maallaqa hin qabne) yakka daldala sirna baankii fi akka waliigalaatti dinagdee biyyaa irratti raawwatamu waan ta’eef kana ittisuuf jecha seerri sanadoota socho’an irratti eegumsa gochuuf cheekii gogaa kennuun gocha yakkaa ta’uu tumeera.Kanaan walqabatee dhaddachi Ijibaataa Mana Murtii Waliigala Federaalaa Jildii 12ffaa lakk.galmee 55077 irratti cheekiin kennamuu qofa osoo hin taanee dugda duuba isaa waliigaltee maaltu jira jedhanii xinxaluu dhiisuun kaayyoo seera daldalaa kwt 717 bu’ura kan hin godhanne jechuun murtii kennee jira. Kanaan walqabatee yakkichi jalqabamee kan xummuramu cheekiin nama kaffalamuuf yeroo qaqqabetti maallaqa dhabuun isaa yommuu beekamu ta’uu dhaddachi ijibaataa lakk. Galmee 67947 irratti murtii dirqisiisaa kenne irraa hubachuun ni danda’ama.
2.2.Waliigaltee Dawoo Godhachuun Araaxaa rawwatamu
Waliigaltee dawoo godhaachuun Araaxaan kan rawwatamuu qaamootiin walii galtee raawwatan dachaa maallaaqa wal harkaa fuudhanii yookiin maallaqa wal harkaa fuudhani dachaa lamaa akka liqeeffatan fakkeessanni waliigaltee isaanii irratti caqasuun guyyaa fi bakka waliigalticha irratti caqasame irratti kaffaluuf barbaadee fi jaallatee waraqaa walii galtee irratti akka mallateessuu gochuudha.Kana jechuun fakkeenyaaf qarshii 50,000 kan liqeessee yoo ta’e akka waan 100,000 liqeffatee fakkeesse mallatteessuu jechuudha.Bu’uuruma kanaan Araaxaa kaffaluu dadhabanii mannii fi qabeenyi isaani ajaja M/Murtiin kan jala gurgurame baay’eedha.
– Waliigaltee dawoo godhachuudhaan falmiwwan dhayaatan ija seera H/H tiin yommuu ilaalluu yeroo baay’ee Araaxaafi waliigaltee liqaa dawoo godhachuun falmii dhiyaatu fi galmicha irratti ilaalchota dachaa jiranidha .
– Innii jalqabaa Waliigaltee mirkaneessuu kan ilaallatuudha.
Kana jechuun walii galteen jira bu’uura waliigalteetiin liqaa isaa haa kaffalu kan jedhuu yommuu ta’uu kana mirkaneessuuf bu’uura waliigaltee liqaa fi akkasumas waliigalteen liqaa yommuu taasifamu ragootaa turan caqasunii.Kanaaf S/H/H/ Kwt 1731 ibsuuf kewwatoonni dhiyaatan S/H/H / kwt 2003, 2005 fi 2006 dha.
Kewwattootaa akka armaan gaditti ilaalla
kwt 1731:- Bu’aa waliigaltee ilaalchisee
– Walii galteewwan bu’uura seeraatiin hundaa’an qaama waliigale jiddutti seera ta’u.
– Jechoonni walii galtee keessatti argaman kan qaamonni waliigaltee uuman itti waliigalaniidha.
Kwt. 2003 walii galteewwan bifa barreeffamaan haa taasifaman jedhaman irratti barreeffamni kun kan tarsa’e, kan hatame, kan bade ta’uun isaa hanga hin mirkanoofnetti waliigaltee ragadhaan ykn tilmaama sammuutiin hubachiisuu, mirkaneessun hin danda’amuu.
Kwt 2005 –Barreeffamnii waliigaltee mirkaneessuuf gahaa ta’uu
– Sanada barreeffamaa irratti jechoonnii argaman akkasumas guyyaa barraa’e qaamota walii mallateesse jiddutti ragaa gahaa amantaan itti kennamuudha.
KWT – 2006; Ragaa mormii
1. Jechoota barreeffama keessatti argaman mormuun kan danda’amuu jechichi isuma kana qaama jedhu kakachiisuudhaan qofa.
2. Jechoota barreeffama keessatti tarraa’aniif (argamaniif)ragaa nama ykn tilmaamaa sammuu dhiyessun hin danda’amu.
Kewwattonni kun waa’ee waliigaltee mirkaneessu fi bu’aa isaa fi waliigalteen barreeffamaa jiru fedhaa fi barbaadee hanga mallateessutti fi walii galteen hanga hin banneeti fi hin tarsaaneetti raawwatiinsa qabaachuu agarsiisu.
Haata’uu malee amma ka’aa kan jiru qarshii 30,000 fuudhanii akka 60,000 fudhatanitti mallateessisuudha.Kanaaf rakkoowwan kanaaf furmaanni maali kan jedhu qaamoleen haqaa hundi gahee isaanii bahuu qabu kan jedhuufi hawaasnis dhimmoota kana irratti eeruu qaamolee kanaaf kennuun tumsa gochuu qabu kan jedhu yaada xummuraati.
Mulugetaa Magarsaa