Skip to content
Akka seensaattii
rakkoowwan ququllina hojii abbaa alangummaa mirkaneesuuf gufuu ta,aa turanii fii jiran keessaa ragaan manneen yaalaa irraa dhihaatu qulqullina dhabuun isa tokko tauun ni beekamaa.Kanaan walqabatee MHAAGJ rakkoo kana furuuf qorannaa saayinsawaa gaggeesee qaama dhimmi ilaaluuf dhiheessuun akka furamu gochuuf karoorfatee waan jiruuf hooggantootnii fii abbootiin alangaa godina keenyaa hundi bara kanas taee baadmintan darban keessatti ragaawwan manneen yaalaa irraa dhihaatan fkn miidhaa qaamaa ibsuuf,umurii ibsuuf,sababa du,uu ibsuufii kkf kan ibsuuf kan qulqullina hin qabne hojii keessatti isin muudate qindeesitanii nuuf dhiheessuun galtee qorannaa kanaa akka godhannuuf gumaacha gama keessanii akka nuuf taasiftan isin gaafachaa, namoonni qorannaa saayinsaawaa tae dhimmota seeraaf hojimaata qaamolee haqaarratti qorannaa saayinsaawaa tae gaggeesuuf fedhii qabdanis proposaala qorannaa keessanii kan fuula 10 hin caalle MHAAGJ dhiheessuu kan dandeessan tauu wamicha isiniif dhiheesina.nagaan oolaa!