Qajeelfama Aangoo fi Gahee Hojii Dameewwan Dhaabbii Mana Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa Murteessuuf Bahe Lakkoofsa 16/2013 pdf.

dokumentootaa seeraa silkiikessan fayyadamuun akka itti buufattan
Seensa Qajelfamichaa


Mannii Hojicha, tajaajila haqaa Damee Dhaabbiitiin kennamu caalmaatti dhaqqabamaa fi si’ataa akka ta’u akkasumas baasii fi dhamaatii abbaa dhimmaa akka xiqqeessu taasisuuf, Aangoo fi Gahee Hojii Damee Dhaabbii murteessuun barbaachisaa ta’ee waan argameef;


Aangoo fi Gahee Hojii Labsii Lakk.214/2011’tiin Mana Hojichaatiif kenname hojiirra oolchuuf Damee Dhaabbii cimsuun barbaachisaa waan ta’eef;

Qindeessaan, Abbaan Alangaa fi hojjataan bulchiinsaa Aangoo fi Hojii Damee Dhaabbiitiif kenname bifa iftoominaa fi itti gaafatamummaa mirkaneessuu danda’uun akka raawwatan seeraan deeggaruun waan barbaachiseef;


Haala to’annoo, hordoffii fi deeggarsa Dameen Dhaabbii caasalee Mana Hojichaa isa jala jiruuf taasisuu qabuu fi akkaataan walitti dhufeenya isaanii adda bahee akka beekkamu taasisuun barbaachisaa ta’ee waan argameef;

Akkaataa Labsii Mana Hojii Abbaa Alangaa Waliigala Oromiyaa Lakk.214/2011 keewwata 27(2)’ tiin qajeelfamni kun bahe jira.

https://anchor.fm/mhaagj

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *