Teknolojii fi interneetii fayyadamun haawasa gahomsuufi qaromsuu kessattii gahee qaamoolee seeraa; Barruu xiyyeffannoo addaa MHAAGJ irrattii taasifamee.
Qophessaan:
Hasen Mh. Hassen.

Barruu garee komnikeshinii mana hojii abbaa alangaa Godina Jimmaatin qophaa’ee.
Camsaa 2013
Jimmaa, Oromiyaa
Abstract— yadrimee waligalaa
jarraa 21 ffaa amma kessa jirruu kuni jaarraa qarominaafi jarraa adunyaan gara tokkomuuttii kan ittii dhuftee. kanaaf immoo shorii interneetiin taphatuu ol’anaadhaa. guddina hawaas dinagdee biyya tokkoo kessattis shorri interneetiin taphatuu shora isa hangafaa ta’u isaa qorannoon adda addaa ni mul’isuu. as irrattii platformiwwan karaa interneetiidhaan dhufan hawaasa tokkof bu’ura qarominaa ta’u bira darbuun bu’ura dinagdee ofii ittii guddifahuun galii adda ta’ee kan itti umuu danda’amuu ta’un isaa iccitii ifattii mul’atuuhaa.. akka dhaabataattii ammo dhaabbannii tokkoo (kan motummaas ta’e mti motummaa)platformoota interneetii irratti argaman fayyadamuun dhaqabamuummaa isaa mirkanessuu, hawaasa isaa qaroomsuu, akkasumas galii addaa umudhaan humna faayinaansii qabuu cimsachuu kan isa dandessiisuudhaa. dhimmaa kana irrattii muxaannoon biyyota guddatanifii guddataa jiran akka agarsiisuuttii dhaabbata tokkoo kessattii gareen komniikeeshinii of dandaee ijaaramee dhaqabamuummaa mirkaneessuu, hawaasa qaromsuufii galii ofii guddifachuu irrattii xiyyeffannoodhaan kan hojjetamaa jiruu ta’un isaa qorannaan dhimmakana irrattii godhamee ni mul’isa. Haata’utiii, gara muxxannoon biyyaa kenyaattii yoo deebinee haaqnii jiiruu faallaa muxannoo biyyota biraa ta’ee argannaa. Kessattuu haala nama gaddisisuun dhimma kana ilaalchisee akka naannoo oromiyaattii muxxannoo tokkoyyuu kan hin mul’anne ta’u qofa osoo hintaanee ijooma kana irrattii nama dhunfaadhaanis ta’ee akka dhaabbataattii qorannoon taasifamee tokkoyyuu hiin mul’atuu. kanaaf jecha Barressaan barruu kanaa akka nama tokkoottiifii Manni Hojii AA Godina Jimmaa akkaa dhaabbata motummaa tokkottii rakkoo kana adda erga baaseen boodaa barruu kana qophessuuf nu kaakkaasee jira. barruu kanaan muxannoo biyyota biraa xinxaluun dhaabbilee mootummaa kessattuu qaamoleen seeraa naannoon oromiyaa akka waligalaattiifii godina jimmaa akka goadmintii maaltuu hojeetamaa jiraa kan jedhuu erga xinxalleen boodaa hanqinnaafi cimminna jiruu adda baafachuun kallattin fulduuraa maal ta’u qaba kan jeedhuf yaada kennaa.
@mhaagj
https://anchor.fm/mhaagj
https://www.pinterest.com/mhaagj/
Boqonnaa Tokko
kutaa waligalaa barruu kanaa.
- Seensa
Qaromina fi gudina haawaas dinagdee biyyaa tokkoo kessattii guddinnii teknolijii akka waligalaatiifi ittii fayyadamnii interneetii akka gooadmintii shora isa ol aanaa ta’ee taphata. Kana mirkaneessuu kessattii ammo dhaabbileen motummaafii mitii mootummaa (kessattuu dhaabbileen Motummaa) madaqii teknolojiifii interneetiif qaban irrattii hundaa’a. Sababnii kanaa ammo dhaabbileen motummaa haawaasa tajaajilan ittii dhihenyaanifi jiruuf jiirenya haawaasaa kessattiii faayidaa hangana hin jedhamnee waan qabaniif. kana jeechuunis gaafa dhabbannii motummaas ta’e mitii motummaa haawaasaaf dhaabbadhee jedhuu tokkoo kan ofii qaromee taanaan haawaasnii umaamuus hawaasa qaroomee ta’un waan hin haafneedha.[1]
gama biadminin gara qaamoolee haaqaattii yoommuu dhufnuu gaheen haawasa tokkoo qaroomsuu kessattii qaban guddaa ta’u hubannaa. Kessattuu ammo gaheen manneen hojii abbaa alangaa sadarkaa waligala federaalaa fi naannoolee kaasee hanga godinaaleefii aanaaleettii caaseeffaman haawaasa qaroomeefii hubannooo seeraatiin dagaagee umuu kessatti dirqama isa hangafaa fudhatuu. as irrattii qarominniifi guddinni hawaasa tokkoo kalattii tokkoo qofaan kan ibsamuu osoo hintaanee kalattiiwwan adda addaatin kan ibsamuudhaa. kana keessaa innii tokkoo qaamooleen haaqaa teknolojidhaan madaqanii hawaasa isaanis teknologidhaan gabbisuun isaan irraa akka eggamuu ajendaa 2030 guddina si’awa ta’e fiduuf motummota gamtomanin bocamee irraa hubachuun ni danda’ama.[2]
Gara Biyya kenyaa Itiyophiyaattii yoo dhufnee ammo technology interneetiii akka biyyaattii fayyadamuu jalqabuun Kenya bara 1997 ALA irraa kaasee ta’un isaa qorannaan dhimma kana irrattii taasifamee ni mul’isa.[3] ergaa jalqabamee as hojiwwaan komnikeeshiinii qaamoota hedduun initiative (kakka’umsaan) hojjettamaa jiraachuu isaafii guddinaafii qaromina haawaasaa irrattii shoora guddaa taphachaa jiraachuun isaa ni mul’ata. Hanqinoonnii jiran akkuma jiruuttii ta’e qamooleen motummaa hedduun interneetii fayyadamuun dhaqabamummaa isaanii mirkaneessuufi haawaasa gahoomsuuf hojjeetamaa jiraachuun isaa waan waakkatamuu mitii. haata’utii muxannoon kuni qamolee motummaa federaalaa fi kan naannoolee bira darbee caaseffama godinaaleefii anaalee irrattii argamaniin hojiin kun ciminaan hojetamaa jira jechuuf hin danda’amuu. kana haa jeennuu malee hojiin komnikeeshiinii interneetii fayyadamuun akka biyyaatis akka oromiyaattiis ta’e akka godina jimmaattii hojiin hojetamee tokkoyyuu hin jiruu jechuun hin danda’amuu. akka fakkenyaattii mana hojii abbaa alangaa waligala oromiyaa kaasee hanga caaseeffama mhaawo jalattii godinaaleefii anaaleedhaan caaseeffaman martuu hanga jeechuu dandaa’auuttii platformii interneetiidhaan dhuufee kessaa isa tokkoo kan ta’e midiyaa haawaasaa kessattuu facebook fayyadamuun dhaqabamuummaa mirkaneessuu irrattii hojiin hoojjetamee akka ciminnaattii ka’u ni dandaa’a. as irrrattii peejiwwaan tookko tokkoo hanga hordoftoota kuma dhibbaattii argachuu danda’anii jiruu. haata’utii jalqabbii kana cimsaachuun platfoormii karaa interneetiitin argamee guddiifachaa dhaqabamummaa babal’isuun hawaasa qaroomsaa waajjiraafiis akka galii addaa argamsiisuu hojechuu irrattii hanqina qofa oso hintaanee hjiin mul’atuu tokkoyyuu hin jiruu.
mannii hojii abbaa alangaa godina jimmaas rakkoo kana ergaa adda baafateen booda rakkoo jiruu furuuf fula marsariitii hawaasaa facebook irraa qabuu dabalatee website ofiselawaa ta’ee banachuun dokumantoota seeraa baarrulee seeraa addaa addaa kumaatamaan kan fee’e hawaasnii Kenya akka karaa salphaan seera biyyaattii argaatuufii barruulee seeraa afaan oromoodhaan barraahaan akka argatuuf carraa umuu danda’ee jira. dhimma kanaan wal qabatee hojii jiottan jahaan darban akka mhaagjttii hojetemeen dokumantoonnii seeraa kumaatamaan website mana hoichaa irraa download ggodhamanii jiruu. mannii hojii kenyaa platformii kanaan qofa oso hin wassanamin platformoota midiyaa hawaasaa irrattii argaman duguugee fayyadamuun taamsas radiyoo interneetiidhaan tamsaafamuu banachuun sagantaalee hubannoo seeraa uman hawaasa kenyaaf taamsaasa jira. hojiin akka kanaa biyyaa kenyattii hin baramin malee biyyota guddatanis ta’e biyyota gudataa jiranittii ciminnaan kan hojjetamaa jirudhaa.
- Rakkoon Barruu Kanaan Addaa Baafamee (statement of the problem)
akkuma seensa barruu kanaa irrattii caqasamee qamooleen seeraa keessattuu manni hojii abbaa alangaa tokkoo hawaasa qaromsuufii gahoomsuu kessattii shoora ol’anaa taphatuu. Akka agarasiiftuuttii labsii hundeffama mana hojii abbaa alangaa waligala oromiyaa kessattii akka caqafameettii dirqamootnii mannii hojii abbaa alangaa tokkoo qabuu kessaa innii tookkoo haawaasaaf hubannoo seeraa keennuu yommuu ta’uu,[4] kaayyoon kanaa ammo haawaasa qaroomee fii hubannoo seeraatin dagaagee umuu dhaa.[5] kuni ammo guddinaafi qaromina biyyaa kessattii gahee guddaa taphata.[6] Akka Mana hojii AA Godina Jimmaattii dirqama seeraan kahaamee kana galmaan gahuuf hojiwwaan adda addaa hojetmaa jiraatanis haanqinonnii tokko tokkoo mul’achun hin haafnee. hanqinoota mul’atan keessaa innii tokkoo haanqina ittii fayyadama ICT isa tokkodhaa. Hanqina kana furuf jecha akka mana hoji AA godina Jimmaattii gareen komnikeeshinii dhaabbatee abbummaadhaan dhimmoota komnikeeshinii kessattuu ittii fayyadama ICT guddisuu irrattii akka hojetamuuf kallattin kahaamee. haluuma kanaanis gareen komnikeeshiini kuni ittii fayyadama ICT mana hojichaa babal’isuun websayitii ofiseelawa mana hojichaa banuu akkasumas midiyaa FM Tora interneetii irrattii tamsaafamuu websayiti mana hojichaa walitti hidhama qabuu banuun tamsaasa sagaleetin hawaasaaf sagantaalee hubannoo seeraa uman tamsaafamaa jiruu. dabalataaniis karaa midiyaa hawaasa fayyadamuun platformii you tube irrattii chaanaaliin mana hojichaa banamee hawaasa midiyaa hawaasa kana fayyadamuu lakkofsa miliyonaan lakkaahamuuf carraa hubannoo seeraa ittii dagaagfatuu umun danda’amee jira. as irrattii chanalin banamee kuni website mana hojichaa walittii hidhaminsaan kan banamee waan ta’eef verified account banuu danda’amee jira. hanqinnii as irrrattii mul’atee garuu hojiin kun akka mana hojiii godinaa tokkoottii hojjetamaa jira malee akka abbaa alangaa waligala oromiyaattii xiyyeffannoofii bekkamtiin ittii kennamee godinota jiran maraaf hojii akka kana irrattii akka mhaagjttii xiyyeffannodhaan hojjetamuu kallattiin waan hin kahaamneefii rakkolee biro adda addaatin hojiin kunii cicitee akka hojjetamuu taasisee jira. barruun kunis rakkoo kana adda baasuun muxannoo biyyota biro fii muxxannoo MHAAGJ wal bira qabun mannen hojii AAWO jalattii caaseeffamaniif ICT fayyadamuun haawaasaaf bu’aa maalii busuu danda’ama gaafi jeedhuuf haala sayinsawaa ta’en deebii laata. dabalataanis MHAAGJ jalattii mannen hojii AA anaatiin caaseeffaman ICT akkamittii fayyadamanii hawaasa isaanitiif bu’aa buusuu danda’ama kan jedhuufis deebii laata.
- Kaayyoofii Galma Barruu Kanaa
- Barruun kunii kaayyoofii galma waligalaa fi gooroo ni qabaata.
- Kayyoo waligalaa
- Barruu kuni hawaasa hubannoo seeraatin dagaagee umuuf ittii fayyadamnii ICT gaheen innii qabuu maal akka ta’ee ni hubachisa.
- kaayyoo Gooroo
kayyoo waligalaa barruu kanaa irrattii hundaa’un kayyoo goroo barruu kanaa
- ittii fayyadamnii ICT Bu’aan MHAAGJtif Buusuu Danda’uu fii Buusaa Jiiruu agarsiisuu
- gareen komnikeeshini MHAAGJtin ittii fayyadamni ICT hawaasaaf hubannoon seeraa kennamee maal akka fakkaatuu garsiisuu.
- websayitii Ofiselawa MHAAGJtirraa hawaasnii hangam akka fayyadamee agarsiisuu
- tamsasa fm mhaagj kan toora interneetitiin tamsaafamuun hawasaaf hubannoon seeraa kennamee mal akka fakkaatuu ibsuu
- walumaagalattii hanqinaafii ciminnii itti fayyadama ICT MHAAGJ maal akka fakkatuu garsiisuu
- Ittii fayyadama ICT dhan wal qabatee akka MHAAGJtt kallattin fulduraa maal akka ta’u qabuu ibsuu.
- Galma barruu kanaa
- Barruu kanaan ICT fayyadamuun hawaasa hubannoo seeraatin dagaagee umuu akka dandaa’amuu garsiisuufi hanqinoota mul’atan sirressanii cimmina jiruu ittii fufsiisuu fakkenyummaa MHAAGJ mirkanessuun galma barruu kanaatii.
- Gaafiin Barruu Kanaan deebi’uu. (research question)
- akka waligalaattii (general question)
- Barruu kuni hawaasa hubannoo seeraatin dagaagee umuuf ittii fayyadamnii ICT gaheen innii qabuu maali? gaafii jedhuuf deebii ni kennaa.
- akka gooadmintii (specific question)
- ittii fayyadamnii ICT Bu’aan MHAAGJtif Buusee fii Buusaa Jiiruu maali
- gareen komnikeeshini MHAAGJtin ittii fayyadamni ICT hawaasaaf hubannoon seeraa kennamee maalfakkaataa?
- websayitii Ofiselawa MHAAGJtirraa hawaasaaf maal fayyadee?
- tamsasa fm MHAAGJ kan toora interneetitiin tamsaafamuun hawasaaf hubannoon seeraa kennamee mal fakkaataa? bu’aan qabatamaan bu’ee malii? tamsaasa kana hoo carraa nama meqaa bira gahuu danda’aa? muxxannoon kana irraa dhaabbileen biraa argachuu danda’an jiraa?
- walumaagalattii hanqinaafii ciminnii itti fayyadama ICT MHAAGJ maal fakkaata?
- Ittii fayyadama ICT dhan wal qabatee akka MHAAGJtt kallattin fulduraa maal ta’u qabaa? gaafiileen jeedhan barruu kanaan deebii gadii fageenyaan ni argatuu.
- Seerrii barreeffamaa barruun kun itii qophaa’ee. methodology
barrun qorannaa fi qo’annaa kamiyyuu sirna barreffamaa (methodology) qabaachuun isaa wanuma bekkamuudhaa. Gosotnii Sirna barreffamaa bakka gurguddoo sadihittii akka qodaman barruleen sirna barruu qo’annaa seeraa irrattii taasifaman ni addeesuu. isaan kunninis,[7]
- Sirna barruu qo’annaa seer dannessaa (Qualitative legal research methodology)
- Sirna barruu qo’annaa seer Qenxee (quantitative legal research methodology)
- Sirna barruu qo’annaa walmakaa (mixed legal research methodology)
barrun kunis gosa sirna barreffama ser danessaa jalattii sirna qorannaa ser xinxalaa (doctrinal legal research) fayyadamun kan qophaa’edhaa. sababnii kanaas sirni ser xinxalaa kunii kaayyyoo barru kanaa haala si’awaa ta’en galmaan akk gahuuf shora waan qabaatuufi.[8] haaluma kanaan barruu kana qopheessuu kessattii bar gaafiileen akkaata sirna barrefamaa kanaatiin kan qophaa’an ta’a. Sababa kayyoon barruu kanaa faayidaa ICTn qabuu garsiisuuf kan qophaa’ee waan ta’eef bar gaafileen kunniinis kallattima ICT fayyadamuun websayiti MHAAGJ dabalatee fulaa fii bloggiwwan midiyaalee hawaasaa irraattii maqaa MHAAGJtin banamaniin kan sassaabamuu ta’a.
- HANQINONNII BARRUU KANA QOPHESSUU KESSATTII MUL’ACHUU DANDAA’AN?
Baruu kamiyyuu qopheessuu kessattii hanqinootnii mudachuu akka maluu ni tilmaama. barruu kana qophessuu kessattiis hanqinootnii mudachuu malan jennee nuutii adda baafnee keessaa
- hanqina yeeroo
- haanqina resourse
- hanqina faayinaansii
fi kkf nu mudachuu mala jennee yaadnaa.
- Riferansii
[1] UN World youth report & agenda 2030 for sustainable development available at www.un.org/development/desa/youth
[2] un ID
[3] Solomon A. “Local Internet Content: the Case of Ethiopia” Department of Computer Science College of Natural Sciences Addis Ababa University Published. pp4 available at https://www.researchgate.net/publication/279526100
[4] Labsii Mana Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Hundeessuuf Bahe Lak.214/2011 kewwata 33 ilaalii.
[5] isuma Labsii MHAAWO seensa
[6] UN kan raga reference 2ffaa (supra n2)
[7] Fernando G. “Methods for Law and ICT: An Approach for the Development of Smart Cities” Casanovas et al (Eds.): AICOL IV/V 2013, LNAI 8929, pp. 26, available at https://link.springer.com/chapter/10.1007/978-3-662-45960-7_3
[8] Nedzel, N. “Legal Reasoning & use of ICT for legal research” Aspen publisher 2004 pp4 available at https://iucat.iu.edu/catalog/6470969