Mirga shakkamtootaa fi dirqama daldaltoota. Barruu xinxala seraa pdf

  1. Seensa

Biyyootni addunyaa garaagaraa haala guddina, dinagdee, siyaasa fi ulaagaawwan biroo bu’ura godhachuudhaan sirna dinagdee adda addaa kan hordofan ta’uun isaanii ni beekama. Kunis sirna dinagdee ajajaan (karooraan) hogganamu (command economy), sirna dinagdee gabaa bilisaa (free market economy) fi sirna dinagdee makaa (mixed economy) fi kkf jedhamuun beekamu.

Sirna Dinagdee Ajajaan (karooraan) Hoogganamu jechuun sirna mootummaan meeshaa oomishamu,hangam akka oomishamu fi gatii oomishni sun ittiin gurguramu itti murteessu jechuudha.

Sirna gabaa bilisaa Jechuun sirna dhiyeessi fi fedhii irratti hundaa’u ta’ee to’annaa mootummaa muraasa ta’een kan hoogganamuudha. walumaagala gabaa waljijjiiraa fedhii irratti hundaa’e ta’uu hubanna. Sirna dinagdee makaa kun immoo makaa sirnoota lamaan armaan oliiti.

Bu’uruma kanaan biyyi keenya akkuma biyyoota biroo sirna diinagdee hordoftu qabdi.Kunis sirni dinagdee biyyi keenya  hordoftu sirna gabaa bilisaati.Akkuma beekamu sirnichi kan  hoogganamu fedhii fi dhiyeessii irratti yommuu ta’u hirmaannaan mootummaa kan daanga’e (muraasa) ta’uu hubanna.Sirni kun immoo akka biyya keenyaatti sadarkaan guddina isaa hanga kana kan hin jedhamne waan ta’eef rakkinoota walxaxaa adda addaa yommuu saaxilamu ni muldhata.

Yeroo baay’ee gara suuqiwwan daldalaa yommuu seennu sababoota hin beekamneen gatiin meeshaawwanii garaagarummaa guyyaa fi sa’aatii keessatti dabalee muldhata.Kun immoo gama shammattootaatin komiiwwan adda addaa akka ka’an sababa ta’aat jira.

Sababoota gatiin akka dabalu taasisan

Sababoonni armaan gadiitti tarraa’an gatiin meeshaalee akka dabaluuf dhimmoota ka’umsa ta’an akka ta’e odeeffanoon toora intarneetii irrraa argame ni muldhisa.

1.Oomisha :-Akka biyyaattis ta’e akka addunyaatti oomishni yoo xiqqaate gatii dabaluu danda’a.kana jechuun biyyootni dinagdeen guddatan oomisha isaan barbaachisu oomishuu yoo dadhaban oomisha sana gabaa addunyaa irraa bitachuuf dirqamu yeroo sana gatiin oomishaa dabaluu danda’a.Bara 2014 biyyi Hindi sababa rakkoo uumamaatin ruuzii oomishuu hin dandeenye sababa kanaan fedhiin ruuzii dabalee.Fedhii ruuzii dabale  ture kana gabaa addunyaa irraa bitte sababa kanaan hanqinni ruuzii akka addunyaatti waan uumameef sun immoo gatiin ruuzii sadarkaa hin eegamneen akka dabaluuf sababa ta’e.

 2.Gatii Oomishaa:- Gatiin oommishaa galtee oomisha sanaaf fayyadan irratti kan hundaa’udha. Kunis firii, xaa’oo, bishaan, meeshaalee oomishaa fi haala qilleensaati. Dabalataan immoo gatiin meeshaa gurguramu tokko baasii meeshaa kana oomishuuf bahe kan dabalatu ta’a. (baasii humna namaa,baasii meeshaa dheedhii,baasii kuusaa,baasii suphaa fi kkf kan dabalatu ta’a.)

3.Hirdhina(Hir’ina)bakka kuusaa:-Bakki kuusaa gahaa ta’e dhabamuun qulqulina meeshaa fi gatii isaa irratti dhiibbaa qaba.Yeroo baay’ee qonnaan bulaan sodaa kanaatif jecha fedhii oomishuu isaanii gadi bu’a.Kanaaf jecha yeroo baay’ee mootummaan magaalota gurguddoo irratti kuusaa qopheessa ta’us garuu kunis gahaa ta’uu dhaba.

4.Haala gabaa:-Akka biyyaatti immaamatni mootummaa hala gabaa to’atu jiraachuu dhabamuun isaa Oomisha irratti kan itti dadhabu qonnaan bulaa ta’ee osoo jiruu daldaltoonni naamusa hin qabne qonnaan bulaa fi uummata jidduu seenudhaan gatii oomishaa daran akka dabalan karra banaafii jira.

 5.Rakkoo kominikeeshini:-Rakkoon kominikeeshinii gatiin oomishaa akka dabalu carraa uuma.Kana jechuun bakka hanqinni oomishaa hin jirreetti akka waan hanqinni oomishaa uumame fakkeessun namootni muraasni fayyadamuun gatiin oomishaa(meeshaa) akka dabalu taasisu.

6.Oomishni biyyatti galuu fi biyyaa gara biyya alaatti ergamu walmadaaluu dhiisuu. 

Dhugaan jiru kana ta’ee osoo jiruu daldaltoonni tokko tokko bakka hanqinni oomishaa hin jirreetti yookiin sababootni biroo gatiin akka dabalu taasisan bakka hin uumamnetti daldaltoonni oomishaa fi tajaajila irratti gatii dabalu waan ta’eef kun immoo gufuu sirna gabaa keenyaa akka ta’e raga gahaadha.Kana qofa osoo hin taane sirni daldalaa keenya namoota muraasaan qofa kan qabame ta’uun isaa akkasumas shammattootaaf oomisha qulqulina hinqabnee fi sadarkaa isaa hin eegganne dhiyeessuu,oomishaaf gatii baay’ee ol ka’aa dhiyeessu,oomisha waan ormaa faana makuun gurguruufi daldalli seeraan ala fi kkf kan baay’atu ta’uun sirna gabaa  miidhaa jira.

Kana irraa hubachuun kan danda’amu rakkinootni kun gama tokkoon sirna gabaa bilisaa biyyattii daran kan miidhu ta’uu isaatiin dabalatatti rakkoon shammattoota irraan gahu ol’aanaa dha.Kanaaf dinagdee keenya jilbibbiidhaan deemu itti fufsiisuuf rakkoo gama dorgommii daldalaa fi mirga shammattootaa irratti muldhatu furuuf gama hawaasaatinis ta’ee daldaltoonni mirgaa fi dirqama isaanii beekanii akka tarkaanfatan mootummaanis gama isaatiin gahee isaa akka bahu daangaa seeraa kaa’anii deemun barbaachisaa ta’a.

Seenaa dhufaatii

Akka addunyaatti sarbama mirga shammattootaa karaa adda addaatiin gahu ittisuufi to’achuuf akkasumas mirgi shammattootaa sarbamee yoo argame immoo beenyaa seera qabeessa akka argataniif  hojiimaata fi eegumsi seeraa karaa qindaa’aa ta’een hojii irra ooluu kan jalqabe Akka Lakkoofsa Awurooppaatti bara 1962 biyya Ameerikaatti.

Dabalataan immoo bara 1985 yaa’iin waliigalaa Mootummoota Gamtoomanii walgahii taasiseen qajeelfama eegumsa shammattootaa qopheessun mirga shammattootaa eegsisuuf ulaagaa gadi aanaa barbaachisu tumuudhaan eegumsi shammattootaa guutuu addunyaatti xiyyeeffannoo akka argatu taasiseera.Bu’uruma kanaan biyyootni addunyaa adda addaa seerota mirga shammattootaa eegsisan adda addaa baasun hojii irra oolchuu erga jalqabani oolanii bulaniiru.

Akka biyya keenyaatti mirga shammattootaatin walqabatee labsiin 329/95 kan bahe yommuu ta’u itti fufuudhaan labsiin hojiimaata daldalaa fi eegumsa shammattootaa lakk. 685/2005 bahuu danda’eera.Dhuma irrattis labsii duraan ture haquudhaan labsiin dorgommii daldalaa fi eegumsa shammattootaa lakk.813/2006 bakka bu’uu danda’eera.Labsii kana keessattis eegumsa shammattootaa ilaalchisee tumaawwan adda addaa kan of keessatti qabate yommuu ta’u tumaalee kana bifa/gosa lamatti qoodnee ilaaluu dandeenya.Inni duraa tumaalee mirga shammattootaa tarreessan yommuu ta’u inni lammaffaa immoo dirqama daldaltoonni qabaniidha.

Hiikkoo shammattootaa

<<Consumer is a person who purchase goods and services for personal use>>

Shammattoota jechuun nama meeshaa yookiin tajaajila dhuunfaatti fayyadamuuf bitu jechuudha(yaada barreessaa)

Labsii lakk.813/2006 keewwata 2(4) jalatti shammattoota jechuun nama uumamaa  warshaadhaaf yookiin deebisee gurguruuf osoo hin taane gatii isaa ofiin kan kaffalu yookiin namni biraa kan kaffaluuf ta’ee tajaajila ofii isaatif yookiin maatii isaatiif meeshaa yookiin tajaajila bituu jechuudha.Dubbisa keewwata kanaa irraa ulaagaa sadii arganna.

 1.Meeshaa yookiin tajaajila bituu qaba.Meeshaa daldalaa yommuu jedhamu meeshaalee gurguramuu bitamuu yookiin kireeffamuu yookiin meeshaalee socho’ani hojiin daldalaa namoota jidduutti ittiin raawwatamu kamiyyuu kan ilaallatu yommuu ta’u maallaqa yookiin sanadoota amala maallaqaa qabanii fi qabeenyota hin sochoone hin dabalatu.

2.Meeshaa daldalaa yookiin tajaajila sana ofii yookiin maatii isaatiif kan itti fayyadamu malee meeshicha meeshaa dheedhii warshaatif yookiin deebisee gurguruuf kan bitu yoo ta’e akka shammattootaati hin fudhatamu.

3.Bittaa kan raawwatu nama uumamaa ta’uu qaba.Qaamni seeraan namummaan kennameef kan akka baankii,waldaaleen meeshaa daldalaa tajaajila ofii isaanitiif bitan ille akka shammattootaati hi lakkaa’aman.

labsii 813/2006 keessatti  mirgaa fi dirqamoota tarraa’an akka armaan gadiitti ilaalla

[jetpack_subscription_form show_subscribers_total=”false” button_on_newline=”false” submit_button_text=”misensa ta’i” custom_font_size=”16px” custom_border_radius=”0″ custom_border_weight=”1″ custom_padding=”15″ custom_spacing=”10″ submit_button_classes=”” email_field_classes=”” show_only_email_and_button=”true”]

Mirga shammattootaa

1. Waa’ee qulqulinaa fi gosa meeshaa yookiin tajaajila bitanii Ibsa yookiin odeeffannoo sirrii fi gahaa ta’e  argachuu.

2.Mirga meeshaalee yookiin tajaajila filatanii bituu

3.Qulqullina yookiin  filannoo biroo jiru ilaaluun yookiin gatii irratti marii(falmii) meeshaa yookiin taajaajila  bituu taasisuun akka bitu kan hin dirqisifamne ta’uu.

4.Daldalaa  kamiinuu kabajaan keessummeeffamuu gocha arrabsoo,doorsisoo,sodaachisoo fi maqa balleessii irraa mirga eegamuu.

5.Meeshaalee daldalaa yookiin tajaajila bituu yookiin fayyadamuu isaatiin miidhaa irra qaqqabeef  meeshaalee daldalaa yookiin tajaajiloota dhiyeessun walqabatee oomishtummaan,fichisisuun,gurgurtaa jumlaatiin,gurgurtaa qinxaabotiin yookiin karaa biroo kamiiniyyuu namoota dhiyeessii irratti hirmaatan qeenxeen yookiin waliin beenyaa akka kaffalaniif yookiin mirgoota kanaan walqabate mirga gaafachuu qaba.

Bu’uruma kanaan shammattoonni kamiyyuu karaa daldaltootaatiin sarbama mirgaa irra gahuu fi sababa kanaan miidhaa irra gahuuf dhaabbata eegumsa shammattootaatti himannaa dhiyeessuun daldaltoota mirga isaa sarban irratti himannaa hariiroo hawaasaa banuun beenyaa gahaa argachuu mirga qaba.Shammattoonni komii akka dhiyeessaniif sababoota sarbama mirgaa keessaa tokko meeshaa daldalaa yookiin tajaajila irratti hanqinni yoo jiraate yookiin miidhaa yoo irraan gahaniidha.Meeshaan daldalaa bite hanqina yoo qabaate yookiin miidhaa yoo irraan gahan meeshichi akka jijjiiramuuf yookiin maallaqani isaa akka deebi’uuf qaama gurgureef gaafachuu mirgi shammattootaaf kan kenname yommuu ta’u tajaajila irratti hanqina kan arge yoo ta’e tajaajilichi lammaffaa kaffaltii malee akka kennamuuf yookiin kaffaltiin raawwatame akka deebi’uuf gaafachuu mirga qaba.Kana haa ta’u malee seerri akkanatti ifaan tumee osoo jiruu suuqiiwwan adda addaaatti garuu barreeffamni meeshaan gurgurame hin deebi’u jedhu ifaan barreeffamee argina.Haa ta’u malee labsichi ifaan akka kaa’ee jirutti meeshaa bitame irratti hanqinni yommuu muldhatutti(mul’atutti) barreeffama akkanaafi gochaawwan biro kana fakkaatanin osoo hin taane shammattootaa fi daldalaa jidduu waliigalteen jiraatullee mirgi shammattootaaf kenname kun kan hafu hin ta’u.

Subscriber Content

Add content here that will only be visible to your subscribers.

Subscribe to get access

Read more of this content when you subscribe today.

Dirqama Daldaltootaa

Mirgoota shammattootaa armaan olitti caqasaman akka hin sarbamneef ulaagaawwan daldaltoonni guutuu qaban labsiin kun tarreessee jira.Isaanis

1.Dirqama gatii meeshaa fi tajaajilaa ibsuu.Kana dura baratama tureen daldaltoonni gatii meeshaa gurguranii yommuu maxxansan hin muldhatu.Kun immoo gabaan akka iftoomina dhabu gochuu isaatiin dabalatatti shammattoota gocha gowwomsaaf kan saaxiluudha.Kanaaf daldalaan hundi gatii meeshaa yookiin tajaajila kennu kaffaltiiwwan seera qabeessa (taksii fi gibira) dabalatee karaa ifa ta’een maxxansuu qaba.

2.Dirqama ibsa meeshaa gurguruu kennuu.Ibsa meeshaa gurguruu yommuu jedhamu maqaa meeshaa,bara itti oomishame,biyya itti oomishame,qulqullina isaa,bara tajaajilli isaa itti xummuramu,warshaa fi maqaa fi teessoo fichisiistotaa,ulaagaa sadarkaa biyya keenyaa kan guute ta’uu,daldalaan waa’ee meeshaa gurguree wabummaa inni kennu fi dhimmoota biro kanaan walqabatan jechuudha.Kanaaf daldaltoonni hunduu tarree ibsa meeshaa armaan olitti caqasaman meeshaa irratti maxxansuu yookiin waraqaa addaa irratti barreessee shammattootaaf kennuu qaba.Tarreen ibsa kanaa kan barreeffamuu qabu afaan Amaariffaa fi Ingiliffaan ta’ee haala salphaan kan adda bahu (gadi lakkisu) ta’uu hin qabu.

As irratti qabxiin ka’uu qabu biyya sirna federaalaa hordoftuu fi uummata afaan adda addaa (sabdanneessaa fi afdaneessa) ta’e keessatti haala kanaan caqasamuun isaa kan madaallii kaasu hin ta’u.Sababni isaa immoo namni(shammattootni) afaan armaan oliitti caqasaman hin dandeenye(hin beekne) hoo maal ta’uu qabu? kan jedhuuf furmaanni taa’e hin jiru.Haa ta’u malee haala naannichaa,aadaa fi duudhaa uummataa bu’ura godhatee osoo hojii irra oolee dhama qabeessa ta’a.Fkn’f Naannoo Oromiyaa keessatti Afaan Oromoos dabalatee afaanota biros haala giddugaleessa godhateen ta’uu qaba(yaada barreessaa).

3.Nagahee kennuu  fi haftee nagaheewwanii waggaa 10’f (kudhaniif) qabachuu(olkaawwachuu) yommuu ta’u daldalaan meeshaa gurguruuf bite ykn tajaajilaaf nagaheewwan fudhatee waggaa 10’f (kudhaniif) qabatee tursiisuu qaba.

4.Dirqama of ibsuu:-Daldalaan kamiyyuu maqaa daldalaa isaa bakka ifatti muldhatutti maxxansuudhaan dabalatatti bu’ura gaaffii shammattoonni dhiyeessaniin of ibsuu fi odeeffannoo shammattoonni barbaadan kennuu dirqama qaba.

5.Dirqama Beeksisa daldalaatin walqabatu:-Beeksisni daldalaa taasifamu kamiyyuu waa’ee meeshaa yookiin tajaajila daldala sanaa soba yookiin dogoggorsiisaa ta’uu hin qabu.kunis baay’ina,amala meeshichaa,burqaa meeshichaa,ulfaatina,haala itti oomishame,guyyaa tajaajila dhaabuu,mallattoo qulqullinaa fi  waan gatiin gadi bu’ee gurguramu fakkeessun beeksisa hojjachuu dhorkamaadha.

6.Dirqama wantoota sirrii hin taane fi dogoggorsiisan irraa of qusachuu.Kana jechuun labsicha keessatti mata duree gochaawwan dhoorkaman jedhu jalatti kan ibsame yommuu ta’u kun immoo dirqama daldaltootaa ta’a jechuudha.Kunis

  • Biyya meeshaan daldalaa itti hojjatame dogoggorsuun ibsuu
  • Meeshaa yookiin tajaajila daldalaa biroo karaa dogoggorsaa ta’een ibsuu
  • Shammattoota jidduutti loogii hin taane raawwachuu
  • Meeshaa safartuu seeraan alaa fayyadamuu
  • Waliigaltee wabummaa  gurgurtaa meeshaa yookiin tajaajilatin walqabatu bahuu dhiisuu
  • Shammattoonni meeshaa yookiin tajaajila biraa akka bitaniif meeshaa biraa hin barbaanne wajjin akka bitan dirqisiisuu
  • Faayidaa Shammattootaatif yoo ta’e malee meeshaa yookiin tajaajila daldalaa hin gurguru jechuu.
  • Tooftaa gurgurtaa Piraamidii gaggeessuu.kana jechuun shammataan tokko meeshaa yookiin tajaajila yoo bitu yookiin buusii maallaqaa yoo taasise maallaqa dabalataa kan argatu fakkeessanii yookiin faayidaa akkanaa kan argatu ta’uu ibsuun shammataan kun meeshaa akka gurguruf shammattootni isatti aananii meeshaa yookiin tajaajila bitan yookiin buusii buusan yoo baay’achaa deeman maallaqa yookiin faayidaa dabalataa waan inni argatu fakkeessanii tooftaa gurgurtaan itti raawwatamuudha.
  • Haaromsii fi suphaan meeshaa daldalaa irratti raawwatamu sadarkaa isaa isa beeksisaniin gadi yookiin haala guutuu hin taanen raawwachuun gochaawwan dhorkamaniidha.

Mirga Shammattootaa sarbuun bu’aa inni hordofsiisu

Shammattoonni mirga akkamii akka qaban armaan olitti kan ilaalledha mirgoota kana sarbuun immoo itti gaafatamummaa hariiroo hawaasaa,bulchiinsaa fi yakkaa hordofsiisu akka armaan gadiitti ilaalla.

1.I/Gaafatamummaa (Bu’aa) Bulchiinsaa

Himanni itti gaafatamummaa bulchiinsaa kan dhiyaatu Abbaa Taayitaa Dorgommii Daldalaa fi Eegumsa shammattootaatif yommuu ta’u murtiin kan kennamu qaama A/seerummaa A/Taayitichaatin kennamefin ta’a.A/Taayitichaa shammattoota irratti miidhaa gahuu erga qulqulleeffatee booda akka beenyaa argatan,eeyyamni daldalaa daldaltootaa akka dhorkamu yookiin haqamu,gochi sirrii miti jedhame akka adda citu yookiin akka dhaabbatu gochuu akkasumas daldalaan dirqamoota tarree 3ffaa irra jiran sarbe yoo argame galii gurgurtaa waggaa irraa adabbii maallaqaa % 5- %10 (dhibbeentaa shan- dhibbeentaa kudhan) adabamuu danda’a.

2.I/Gaafatamummaa(Bu’aa) Hariiroo Hawaasaa

Meeshaan yookiin tajaajilli shammattoonni bitan hirdhina(hir’ina) yoo qabaate meeshaa daldalaa walfakkaataan akka jijjiiramuuf (bakka bu’uuf) yookiin kaffaltiin tajaajilaa akka deebi’uuf yookiin kaffaltii malee tajaajila akka argatan gaaffii daldalaa gaafataniif deebii argachuu dhabuu isaanitin miidhaa isaan irra gahuuf beenyaa akka kaffaluuf yookiin qaamota biro meeshaa daldalaa irratti hirmaatan gaafachuu mirga qabu.

3.I/Gaafatamummaa (Bu’aa) Yakkaa

Labsichi adabbii yakkaa ilaalchisee tumaa waliigalaa fi tumaa addaa qabateera.Namni daldalaa ta’e yookiin daldalaa hin taane kamiyyuu tumaalee labsichaa,dambii labsicha raawwachiisuuf bahan yookiin beeksisa uummataa darbee yoo argame adabbii maallaqaa 5000-50,000 fi hidhaa salphaan kan adabaman yommuu ta’u karaa biraatin labsichi gochaawwan dhorkaman adda addaatiif  adabbii adda addaa kan tume yommuu ta’u,kanneen keessaa daldala piraamidii gaggeessun meeshaa daldalaa nageenyaa fi fayyaa namaatif balaa ta’e ,burqaan isaa hin beekamne,sadarkaan qulqullina isaa gadi bu’e,kan summaa’e,yeroon tajaajila isaa darbe yookiin waan ormaa faana walitti makame daldalaaf dhiyeesse yookiin gurgure adabbii maallaqaa fi hidhaa salphaa yookiin hidhaa cimaan adabamuu danda’a.Kanaaf sarbama mirga shammattootaatif labsichi filannoowwan sadii kaa’et jira.

Gaheewwan Qaamolee Adda Addaa

1.Gahee mootummaa

Uumama sirna diinagdee biyyi keenya hordoftu ta’eet mootummaan gaheen inni daldala keessatti qabu waan muraasa.Sunis haala gabaa to’achuu ta’a.Mootummaan haala gabaa to’achuu kan danda’u immoo immaamata,tarsimoo fi seerota adda addaa dhimma kana irratti xiyyeeffatan baasuni.Yeroo baay’ee garuu biyya keenya keessatti kan muldhatu seerota baasuu qofa,seeroni bahan hojii irra ooluu fi dhiisuu isaanii sakatta’u fi tarkaanfii sirreeffamaa fudhachaa deemuu irratti qaawwa baldhaatu muldhata.Kana qofa osoo hin taane seeronni bahan iftoomina dhabuu.Akka fakkeenyaatti  labsiidhuma kana keessaa keewwata 24(1)(b) yoo fudhanne meeshaa daldalaa gabaa irratti hirdhina qabaachuun isaa ministeerichaan beeksisa uummataatin ibsame nama daldalaa hin taane hanga tajaajila ofii isaatif yookiin maatii isaatif oolun caalaatti meeshaa kuusuun yookiin dhoksuun dhorkaadha jedha.Kana irratti ciroon hanga taajila nama tokkoo yookiin maatii isaatii jedhu hangam akka ta’e seerri ifa waan hin keenyeef yeroo baay’ee hiikoof saaxilamaa ta’uu isaatin magaalota irratti abukkattoon dhuunfaa himatamaa bakka bu’ee falmu ijoo kana yeroo kaasan  ni muldhata.

Dabalataan keewwata 34 irratti naannoleen qaama dhimma kana irratti kennu qaama A/Seerummaa qabu hundeessuu danda;u jedhus dhimmootni kun baay’inaan Manneen Murtii idileetti ilaalamaa jira kunis qaawwa labsichaati.Kanaaf mootummaan gahee isaa seerota ifa ta’an baasuun bahuu qaba.

Gahee Miidiyaalee

Uummanni biyya tokkoo taatewwan biyya isaanii keessatti ta’an mirga odeeffannoo argachuu (access to information) heera mootummaan eegumsi taasifameef qabu.Kanaan walqabatee oolmaa haala gabaa hordofuudhaan yeroo yeadminti odeeffannoo uummata biraan gahuudhaan akka daldaltoota isa gowwomsuuf deeman irratti dammaqee hirmaatu taasisuun rakkoo gama kanaan uumamu furuun kan danda’amu yoo miidiyaaleen gahee isaanii bahaniidha.

Gahee Ogeessota seeraa

Kanaan walqabatee ogeessotni seeraa hubannoo hawaasaa kallatti adda addaatin kennuun akka mirgaa fi dirqama isaanii hubatan gochuun ni danda’ama.Haa ta’u malee yeroo ogeessotni seeraatu seerota bahan irratti hanqinni hubannoo isaan mudatu ni muldhata kanaaf gama kanaan rakkoowwan jiran furuuf immoo qaamotni dhimmi kun ilaalatu leenjiwwan yeroo yeroon kennuun beekumsa ogeessaa gabbisuun dirqama ta’a.Dabalataan immoo yeroo eerun dhiyaatutti xiyeeffannoo addaa itti kennuun akka dhimmichi yeroo gabaabaa keessatti furmaata (murtii) argatu gochuun dirqama ogeessota kanaati.

Gahee Uummataa

Rakkoo kanaan walqabatee jalqaba miidhamaa kan ta’u shammattoota(uummata) waan ta’eef yakki yeroo raawwatamee argamutti guddinaafi xinneenya yakkichaa ilaalcha keessa osoo hin galchin odeeffannoo qaama dhimmi ilaallatuuf hatattamaan kennuu barbaachisa.Kanaan walqabatee uummatni Magaalaa Finffinnee fakkeenya ta’uu danda’u.Sababni isaa immoo geejjiba taaxii irratti daballiin saantima 15 yoo jiraate waan fe’et dhufa malee hin kaffalani sababa kanaan immoo abbootin qabeenyaa,konkolaachiftoonni akkasumas gargaartonni sababa gahaa malee (kallattii mootummaan dabarsuun alatti) daballii akka hin taasifne isaan dirqisiisa.Faallaa kanaa bakkeewwan biro yommuu ilaallu garuu dachaa taarifa kaffalamuu qabu yoo gaafataman illee ni kaffalu.Kanaaf sababa kan ta’u immoo walitti dhufeenya abbootii qabeenyaa,konkolaachiftoonni qaama mootummaa(qaamolee seeraa raawwachiisan) faana qaban irraa ka’uun dubbannus bu’aa hin qabu jechuun abdii kutuu irraan kan ka’e waan ta’eef dhimmi kunis dhimma xiyyeeffannoo barbaadudha.

Gahee Ministeera Daldalaa

Dhimma kanaan walqabatu sadarkaa Federaalaatti kan hoogganu Ministeera Daldalaa fi Industirii yommu ta’u akka Naannotti immoo Biiroo Daldalaa ta’a.Kanaaf qaamni kun beeksisa uummataa yeroo yeroodhan(ji’a ji’aan) yommuu baasu qaama hundaaf akka qaqqabu taasisuun dirqama isaa ta’a.Sababni isaa immoo yeroo A/A himannaa banuuf jedhee yookiin bane  beeksiisni uummataa kun dhabamee beellama hin barbaachifne yeroon itti kennamaa jirutu jira.Kana qofa osoo hin taane yeroo qorannaan taasifamu beeksisa uummataa kana barbaachatti yeroon beellamaa hin barbaachifne gaafatamaa jira waan ta’eef kun immoo sarbama mirga namaatif akkasumas kiraa sassaabdummaadhaaf karra bana waan ta’eef  beeksisoonni bahan dafanii qaama dhimmi ilaalatu bira akka qaqqabu gochuun rakkoo kana furuun ni danda’ama.

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *