Mana Hoji AA Godina Jimaattii Galmee SDFY keewwata 42 cufame.

Waajjira Polisii Magaala Jimmaatif.

Kabajamtoota Abbootii Alangaa Godina Keenyaa akkam jirtu? Kaayyoowwanii fii barbaachisummaawwan website mana hojii abbaa alangaa godina jimmaatif kana banuun barbaachiseef keessaa kan ijoo midiyaa hawaasummaas ta’e marsariitii website kana akka madda odeeffannoo abbootii alangaa godina keenyaatti fayyadamuun muuxannoof muudannoo hojii waljijjiruu,dhimma seeraa fii hojimaataa irratti walfalmuun walirrraa hubachuu fii wal hubachiiisuu akkasumas miira gareen hojjechuu abbootii alangaa godina keenyaa giddutti cimsuudha.Haaluma kanaan nutis akka abbaa alangaa godinaatti Abbootii alangaa Aanaalee keenyaaf madda muuxannoo ta’uu mala jennee kan yaadne hardhaaf murtii galmee qorannaa abbootii alangaa godinaa akkaataa 42(1)(a)n cufaman muraasa isiniif maxxansineerra.Kana kan gooneef dirqama akka nuti murteessine kanatti murteessaa jechuu keenya osoo hin taane ciminaaf hanqina murtichi qaburraa baradhaatii hanqina jiru fulduratti sirreessuuf gahee ogeessummaa keessan bahadhaa jechuu kenya ta’uu hubadha.Muxannoo kanas caalmaatti babaldhisaa,Nama abbaa alangaa godina keenyaa ammoo itti fayyaadma internet irra qaban akka guddifatiian adunyaa waliin tarkaanfatan gochuufi. Haaluma kanaan galmee waajira polisi aanaa deedoo kana dokumentidhaan isinif maxxansina. WAlin taanee haqa baasuuf ni hojjenna.

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *