Maanuwaalii JBAH qorannoo yakkaa irattii MHAAWOtin_pdf

Logo MHAAWO.
1.1 Seensa waligalaa

Manni Hojii Abbaa Alangaa Waliigala Oromiyaa hundaa’uun dura maqaa Biiroo Haqaa Oromiyaa jedhamuun hojiiwwan kenniinsa tajaajila haqaa kennaa turee jira. Biirichi  kenniinsa tajaajila haqaa saffisaa, qulqulluu fi dhaqqabamaa taasisuuf bara 1998 irraa eegalee JBAH qorachuun hojjachaa tureera. Kanaanis bu’aaleen jajjabeessaa ta’an heddu argamanii jiru. Haata’u malee sakatta’iinsa yeroo adda addaa taasifameen hojmaatni fi
gurmaa’insi ture haala qabatamaa amma jiruu fi fedhii hawaasaa dabalaa dhufeen kan walsimu ta’ee hin mul’atu. Dabalataanis, mootummaan naannoo Oromiyaa qorannoo gahoomina qaamolee raawwachiiftuu naannichaa gaggeesseen hojiin qorannaa fi himannaa akkaa fi dhimmoonni hariiroo hawaasaa dantaa ummataa fi mootummaa manneen hojii
adda addaa keessatti bifa faffaca’een raawwatamuun isaa bu’aa qabeessa akka hin taane agarsiisee jira.
images-15
Kanarraa ka’uudhaan Mootummaan Naannoo Oromiyaa bu’uura labsii lak.214/2011 tiin Mana Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa hundeessuun hojiiwwan qorannaa fi himannaa yakkaa Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Oromiyaa fi Abbaa
Taayitaa Galiiwwan Oromiyaatiin hojjatamaa turan; akkasumas dhimmoonni hariiroo hawaasaa dantaa ummataa fi mootummaa manneen hojii mootummaa, dhaabbilee misooma mootummaa fi waldaalee hojii gamtaa keessatti raawwatamaa turan gara mana hojii kanatti
darbanii iddoo tokkotti bifa walfakkaatuun akka hojjataman murteessee jira.
[jetpack_subscription_form show_subscribers_total=”false” button_on_newline=”false” submit_button_text=”Galmahi ተመዝገብ Subscribe” custom_font_size=”16″ custom_border_radius=”0″ custom_border_weight=”1″ custom_padding=”15″ custom_spacing=”10″ submit_button_classes=”” email_field_classes=”” show_only_email_and_button=”true”]

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *