Mana Hojii Abbaa Alangaa Godina Jimmaatti
Karoora Waggaa Garee Komnikeeshinii Mana Hojii Abbaa Ala gaa Godina Jimmaa.
Waxamajjii 2013
Jimmaa, Oromiyaa
Baafata.
Baafata fula
Kuutaa Waligalaa karoorichaa. 1
1.2. Ergama Mul’ataafii Duudhaalee 2
1.2.3. Duudhaalee (Core Values) 3
1.3. Bu’aa Waligalaafii Battalaa 4
1.3.1. Bu’aa Waliigalaa(Impact) 4
1.4. Kaayyoo Gooroo fi Gooree 4
Galmoota Gurguddoo fi Tarsiimoo Hojii Kominikeeshinii 6
2.2. Tarsiimoo Kominikeeshinii 7
2.3. Karoora Hojii Dhimmoota Koominikeeshinii Mana Hojii A/Alangaa Godina Jimmaa 7
2.3.2. Kallattii raawwii hojii Ijoo 8
2.4. Hojiilee Gurguddoo,Kaayyoo isaanii ,Galmaa fi Hojiiwwan Hojjetaman 9
Ijaaramaafii Dandeettii raawwachiisummaa garee komnikeeshinii, 10
3.1.2. Tooftaalee raawwii hojichaa 10
3.2. Tooftaalee raawwii hojii 11
3.2.1. Hojiilee xixiqqaa ykn tarreeffamoota hojii (activities) hojichi ittiin raawwatu 11
Sirna Hordooffif Deeggarsaa 15
4.1. Kallatii,tooftaa Hojiin kun itti Raawwatamu 15
4.2. sirna Hordooffif Deeggarsaa 16
4.2.1. Sirna Gabaasaa fi Duudeebii 16
4.2.2. Gamaggama Hojii Gaggeessuu 16
4.2.3. Cheek Liistiin Hordoffii Taasisuun Deggeruu 17
4.3. Rakkoolee karoora bara 2014 kana Keessatti Muudachuu Danda’an 17
Boqonnaa Tokkoffaa
Kuutaa Waligalaa karoorichaa.
1.1. Seensa
Manni hojii Abbaa Alangaa Godina Jimmaa bara kana haala addaattiin raawwii hojii iftoominaan safaramuu danda’u sadarkaa mana hojii fii hawaasa tajaajilli haqaa kennamuufitti galmeessisuf jecha meeshaa jijjiiramaa bu’aa irratti xiyyeeffatu RBM hojiirra oolchuuf murteessuun ,KBIX kan waggaa shanii fii kan waggaa tokkoo qopheeffachuun karooricha irrati mariin baldhaan taasifamee yeroo ammaa kana karoricha hojiirra oolchuuf hojiitti galameera
Karoora bu’aa irratti xiyyeefate bu’aa giddugaleessaa 4 jiran keessaa tokko kan ta’ee fi bu’aa battala bu’aa giddugaleessaa kana jalatti tarraa’an 7 keessaa tokko kan ta’e akka Mana Hojii keenyaatti hojiirra oolaa jiran keessaa tokko hojii dhimmoota kominikeeshiniiti. Kaayyoon hojii kanaa kan bu’uuraa hojiiwwan akka Mana Hojichaa hojjetaman Ummatnii fi Qaamni beekuu qabu akka beekuu fi hojiin Mana Hojichaa iftoomina akka qabaatu gochuudha.
Kana malees karoora bu’aa irratti xiyyeefate galmaan ga’uuf hojii ummataaf raawwannu keessatti hanqinnii fi ciminni gama adda addaatiin uumamuu ni danda’a. Hanqinaalee fi ciminaalee mana hojii keenyaa kana karaawwan ummata bal’aatiin ga’uu keessatti gaheen miidiyaa ol’aanaa dha.
Mana hojii kenyatti akkuma adeemsaalee biadminti haala addaatin gareen dhimma komnikeshini mana hojiichaa abbummaadhaan hordoofuu dhaabbateera.Kanumarraa ka’uun karoora haala qabatama Godina keenyatiin qopheeffannee jirra.Gama biraatiin hojiiwwan riifoormii hojii irra oolchuun hawaasni fi raawwataan mana hojii keenyaa akka irraa fayyadamu taasisuun kan hojjatamu ta’a.Qindoomina qaamoolee biro cimsuun hojiin jajjabeesaan hojjatamaa ture ammas daran akka cimuuf karoora bara kana karoorfanneen cimnee kan itti deemnu ta’a.
Karoora karoorfanne kanas kominikeeshinii gar-lamee (two way communication) hordofamuun lammiileen haala sochii hojii keenyaa hordofuu fi to’achuu akka danda’an, hanqina keenya kallattiin hubachuun sirritti qeequu akka danda’u gochuu keessatti shoora ol’aanaa qaba. Rakkoowwan kiraa sassaabdummaa fi bulchiinsa gaarii yommuu ummatarratti raawwatu, miidiyaan dhimma kana sakatta’uun qaama rakkoo kana uume saaxiluun ummanni akka irraa fayyadamaa ta’u gochuuf gargaara.Kunis qajeeltoo iftoominaa fi itti gaafatamummaa heera mootummaatiin taa’e sana kan mirkaneessu ta’a.Akka waliigalaatti hojiin kominikeeshinii afaan ummanni bal’aan ittiin dubbatu waan ta’eef manni hojii keenyas haala addaatiin irratti karoorfatee jira.
Karoorichii Boqonnaa Gurguddaa Afurin kan qindaa’e yommuu ta’u boqonnaan jalqabaa kutaa waligalaa karoorichaati, boqonnaa tokkoffaa jalattii ergama, mul’ata dudhaalee, kaayyoofi bu’aa karorichaa akka waligalaattii ibsun golabama. Boqonnaan Lammaffaa Galmii karoora kanaan qabamee iibsuun galma kana gara hoojittii hikuuf tarsiimoo qabamee ibsuun kan golabamuu ta’a. Boqonnaan sadaffaa dhimma Rakko dandeettii raawwachisummaa mannii hojichaa sadarkaa aanaas ta’e sadarkaa godinaa irratti mul’atuu hikuu keessatti gahee garee komnikeeshinin kun taphachuu qabaachuu maluu ibsuun kan golabamuu ta’a. Boqonnaan dhumaas sirna hordooffif deeggarsaa irrattii xiyyeffata. Haaluma kanaan karoorrii gareen komnikeeshinii mana hojii Abbaa alangaa Godina Jimmaa haala armaan gadii kanaan tarreessuf yaallee jiirra.
1.2. Ergama Mul’ataafii Duudhaalee
1.2.1. Ergama (Mission)
Godina Jimmaa keessatti hojiiwwan mana hojichaatin kennaman namni hunduu karaa mala qunnamtii hammayaa’aa adda addaa fayyadamuun bakka jiru taa’ee akka hordofu taasisuun tajaajila kennamu iftoomina fi dhaqqabamaa akka ta’u taasisuun ol’aantummaa seeraa mirkaneessisuudhaan nagaa fi tasgabbii uummatichaa eegsisuu, dantaa hariiroo hawaasaa ummataa fi mootummaa kabachiisuu, ragaa seera qabeessa ta’e galmeessuu, hubannoo seeraa hawaasichaa gabbisuu, hojiiwwan hojjataman iftoomina akka qabaatan taasisuu fi dirqama dhaqabamuummaa tajaajila mana hojichaa mirkaneessuudha.
1.2.2. Mul’ata (Vision)
Bara 2017tti Godina Jimmaa keessatti tajaajila Mana Hojii Abbaa Alangaa Godina Jimmaatin kennamaa jiruu mala qunnamtii hammayaa fayyadamuun iftoominaa fi dhaqabamuummaa mirkanessuufii hojimaata mana hojichaa qaroomsuun akka naannootti darbee akka biyyaattii garee komunikeeshinii amantaa uummataa horate uumuu dha.
1.2.3. Duudhaalee (Core Values)
- Olaantummaa seeraa
- Faayidaa uummataa eegsisuu fi dursa kennuu
- Bilisummaa Ogummaa
- Itti gaafatamummaa
- Iftoomina
- Hojimaataa badaa fi malaamaltummaa jibbuu
- Fakkeenyummaa
- Hirmaachisummaa
- Tajaajila gahumsa qabu kennuu
- Jijjiiramaaf qophaa’uufi hojjechuu
- Beekumsaa fi amantaan hogganuu
- Miira tajaajiltummaa qabaachuu fi
- Aadaa gareen hojjachuudha.
Manni hojii keenyas haqa kabachiisuufi ol’aantummaa seeraa mirkanneesuu uummanni bal’aan irraa eegu caalmaan bahatee amantaa uummanni irraa eegu kabachiisuu danda’uutu irraa eegama. Kana immoo uummata biraan gahuun dirqama ta’a.Bu’aa kana galmaan gahuuf jalqaba karoorfachuu barbaachisa.. Kanaaf manni hojii keenya bu’aa irraa eegamu kana akka bu’aa waliigalaa, giddu-galaafi bu’aa Battaleetti akka armaan gadii kanaan tarreeffatee sadarkaan bira gahuuf hojjata.
1.3. Bu’aa Waligalaafii Battalaa
1.3.1. Bu’aa Waliigalaa(Impact)
Bu’aan waliigalaa gareen komunikeeshinii bira gahuuf hojjatu mana hojii Abbaa Alangaafi Abbaa Alangaa iftoominaan hojjatuu fi amantaa uummataa horate ta’uudha. Manni hojii keenya amantaa uummataa horachuu kan danda’u rakkoowwan seeraa, hojimaataa,tajaajilaa,ilaalchaafi qindoominaa yeroo dheeraa keessatti furachuudhanidha. Amantaa uummataa horachuu Abbaa Alangaa mirkanneessuuf hojiiwwan hojjataman mataan isaanii bu’aa giddu-galaa argamsiisuun bu’aa waliigalaarra gahu.Bu’aawwan giddu-galaa karoora tarsiimoo’aan bira gahamaa deemu manni hojii keenya akka armaan gadiitti tarreeffate. kanaafuu Bu’aa waligalaa argameen Gaarummaan bulchiinsa keessoo Mana Mojii Abbaa Alangaa fooyya’eera.
1.3.2. Bu’aa Battalee.
- Dandeettiin Odeeffannoo fi Komunikeeshinii Mana Hojii Abbaa Alangaa Godina Jimmaa dabaleeraa.
1.4. Kaayyoo Gooroo fi Gooree
1.4.1. Kaayyoo Gooroo
Hojii kominikeeshiinii Ammayyaa’ee fi seera irratti bu’ureefate hojjachuun ilaalchoota gufachiisoo keenya adda baasuun ilaalcha dimmokraatawaa ta’een bakka buusuu, odeeffannoo dhugaa ta’e hawaasaan gahuun mirga hawaasaa odeeffannoo mootummaa argachuuf qabu kabachiisuu fi dirqama mootummaa odeefannoo hawaasaaf kennuu fi itti gaafatamummaa mirkaneessuuf qabu mirkaneessuun hawaasa ol’aantummaa seeraa mirkaneessuu keessatti gahee isaa bahatu uumuuf ciminaan hojjachuu dha.
1.4.2. Kaayyowwan Gooree
- Ilaalchota gufuu sirna kenniinsa haqaa ta’an haala qabatamaa mana hojii keenya keessatti argamu adda baasuun qabannee ilaalcha kana dadhabsiisuun kallattii sirrii uummata keenya fayyadutti fiduudha..
- Kominikeeshinii hojii keenya bu’aa qabeessa, qindoomina qabuu fi dursaa (proactive) ta’e mana hojii keenya keessatti diriirsuun fedhi nuti odeeffannoo kennuuf qabnu fi mirga uummanni odeeffannoo nurraa argachuuf qabu beekanii hojiitti hiikuudha.
- Akka mana hojii keenyatti hojii keenya milkeessuuf hojiin dhimmoota kominikeeshinii ga’ee adda durummaa qabu akka bahachuu danda’u gochuudha.
- Gaheen kominikeeshinii inni biroon imaammata, tarsiimoo, ijaarsa sirna dimokiraasii fi nageenya akkasumas karoora ol’aantummaa seeraa mirkaneessuu irratti ilaalcha biyyaalessaa
- Karooraa fi raawwii mana hojii keenyaa irratti hubannoo walirraa hin cinne uummataaf uumuun ol’antummaa seeraa mirkaneessuuf hojjatamaa jiru keessatti hirmaannaan isaanii akka cimu gargaaruu.
- Ergaawwan ijoo rogeessuu waa’ee olaantummaa seeraa saffisaan ummata biraan gahuu, mirga odeeffannoo argachuufi beekumsaan hirmaachuu ummataa dagaagsuu.
- Miidiyaalee mootummaa fi dhuunfaa, midiyaalee hawaasaa fi kanneen biroo fayyadamuun hojii kominikeeshinii beekuumsa fi qulqullina qabu kennuu.
- Hojiiwwan gurguddoo mana hojii keenyaa maamiltoota fi dhimmamtoota keenyaaf beeksisuu.
Boqonnaa Lammaffaa.
Galmoota Gurguddoo fi Tarsiimoo Hojii Kominikeeshinii
Gareen komnikeeshiinii mana hojii abbaa alangaa godina jimmaa bara 2014 kessattii galma of danda’e qabatee kan sochou yommuu ta’u galma kanas hojiittii hikuuf tarsiimoo baafatee jira. isas akka armaan gadiittii isinif dhihessina.
2.1. Galmoota Gurguddoo
- Humnoota misoomaa ijaaruu fi cimsuun sosoochi ummaata umuun karoora bara 2014 karaa guutuu ta’een ni raawwatama.
- Hojii hojjatamu hunda karaa raayyaa fi raayyaa qofaan akka ta’uu gochuun karoora bara kanaa haala guutuu ta’een hojjachuu.
- Karooraa fi raawwii keenya qindeessuun gurra uummataa akka gahu gochuu.
- Barruu qo’annaa ittii fayyadama mala qunnamtii hammayyaa manneen hojii abbaa alangaa godina kenyaa maal akka fakkaatuu garsiisuu haala saayinsaawa ta’en qophessuun ciminaafi hanqina mul’atan adda baasanii tajaajila mana hojichaa hammayyessuun dhaqabamummaafi iftoominna hojimaata mana hojichaa mirkanessuu.
- abbootin alangaa sadarkaa aanaas ta’e sadarkaa godinaattii argaman barrulee xinxala seeraa mudannoo hojii kessattii argan irraa ka’un akka qophessanifii barruu kanas akka hawaasa bal’a bira gahuu taasiisuu.
- Murtii dhimma yakkootaa barsiisoo ta’an ummanni akka irraa baratu miidiyaa fayyadamuu biraan gahuu.
- Ummanni keenya soda tokko malee dhiibbaa gama adda addaatiin umamuu miidiyaatti fayyadamuun, soodaa tokko malee akka saaxiluuf carraa bal’isuu
2.2. Tarsiimoo Kominikeeshinii
- Hojii kominikeeshinii karoora mana hojichaa irratti bu’uureffatan hojjachuu.
- Hojii kominikeeshinii beekumsaa fi qorannoo irratti hundaa’en hojjechuu.
- Hojii kominikeeshinii yaada ummataafi haala yeroo beekuu irratti hundaa’e hojjechuu.
- Fookaalparsanin garee Komniikeeshinii sadarkaa aanaaleettii dhaabachuu isaa mirkanessuuffii tarsimoo hojiin komniikeshiini ittii hojjetamuu kallattii kaahuu.
- Mootummaa fi miidiyaa gidduutti walitti dhufeenya gaarii uumuun carraawwan jiranitti duguuganii fayyadamuu.
- Uummataafi mootummaa gidduutti sirna kenninsa odeeffannoo kennuu fi fudhachuurratti hundaa’e (two way communication) daran cimsuu dha.
- Ilaalcha Hojii kominikeeshiini manneen hojii abbaa alangaa godina jimmaa jalatti argaman jijjiiruuf waltajjifii leenjii hubannoo komnikeeshini gabbisan abbootii alangaa aanaa fii fokaalparsanoota komniikeshinii aanaaleetiif keennuun dhaqabamummaa mana hojichaafii fayyadamummaa ummata bal’aa mirkaneessuu.
- Hojii Komnikeeshinii irrattii haanqinaafii ciminna mul’atan adda baasuufii qo’annaa garee komnikeeshinii mana hojichaatiin hojjetamuuf galtee akka ta’u taasiisuu.
2.3. Karoora Hojii Dhimmoota Koominikeeshinii Mana Hojii A/Alangaa Godina Jimmaa
Yeroo ammaa ilaalchii fi gochi kiraa sassabdumaa Godina keenya keessatti dadhabsifamuuf hojiin hojjatama turus ammalle darbe darbe hidda gadi fageeffatee jirachuun isaa ni beekama. Kanaafuu,Godina keenya akka waliigalattii duula ilaalchaa fi gocha kiraa sabsabdumaa dhabamsiisuuf itti fufinsan sochiin bara itti aanuu kana keessa taasifamuu fi sochiin qaamooleen haqaa olaantummaa seeraa mirkaneessuuf taasisan uwwisa miidiyaa akka argatu adeemsi dhimma kominikeeshinii mootummaa xiyyeefannoo cimaan karoora hojii qopheessa akka hojjetamu akka armaan gadiitti qindeessun dhiyaateera.
2.3.1. Hojii Ijoo
Rakkoo ilaalchaa hooggansa, adda duree fi raawwattoota bira jiru hiikuudha.
2.3.1.1. Galma hojii Ijoo
Garee kominikeeshinii ilaalcha qulqulluu, kutannoo, kaka’umsaafi dandeettii qabaatee dhimmoota murteessoo akka Godina keenyatti jiru ilaalcha biyyaalessaa uumu, ilaalchota gufachiisoo dadhabsiisuufi maqaa gaarii Godina keenyaa roga gaariin ijaaruu danda’u uumuuf hojimaata diriire.
2.3.2. Kallattii raawwii hojii Ijoo
- Rakkoowwan ilaalchaa, dandeettiifi dhiyeessii jiru ka’umsa isaanii wajjiin tarreeffamaan adda baasanii beekuu, kallattii kaa’aa deemuu,
- Rakkoowwan ilaalchaa fi dandeettii adda duadmina bira jiru ka’umsa isaanii waliin tarreeffamaan adda baasuun irratti waliigaluu.
- Rakkoowwan ilaalchaafi dandeettii raawwattoota bira jiru ka’umsa isaa waliin tarreeffaman adda baasuun irratti waliigaluu.
- Ergama isaani irratti iftoomina uumuu, karoorri hanga raawwataatti akka qophaa’u taasisuu.
- Waltajjii idilee naamusa cimaatiin gaggeessuu, jijjiirama qabatamaan gaggeessaa, adda dureefi hojjetaa biratti dhufaa jiru gamaaggamuun adda baasuu, sirreeffama barbaachisaa ta’e fudhachaa deemuu.
2.3.3. Tooftaawwan raawwii hojii Ijoo
- Karoora karaa hirmaachisaa ta’een qopheessuu, galtee barbaachisaa ta’an fudhachuu.
- Karooricharratti qaama raawwachiisu fi qamaa ga’ee qabu hunda biratti hubannoo hojii komnikeeshinii qabatamaatti uumuu.
- Gamaaggama raawwii yeroo yeroon gaggeessuun sadarkaa hojiin irra jiru adda baasaa deemuu fi hanqina jiru furuu.
2.4. Hojiilee Gurguddoo,Kaayyoo isaanii ,Galmaa fi Hojiiwwan Hojjetaman
Hojiilee gurguddoo Fookaal parsanii kanaan bara 2014 kana hojjatamuuf qabaman:
- Dandeettii raawwachiisummaa Fookaal parsanii kominikeeshinii ijaaruun rakkoolee dandeettii fi ogummaa hiikuu,
- Garee kominikeeshinii cimaa fi ergamasaa bahachuu danda’u ijaaruun rakkoolee dandeettiifi ogummaa hiikuu,
- Rakkoowwan bulchiinsa gaarii tumsa mootummaafi ummataatiin akka hiikaman hubannaafi sosochii ummataa uumuu.
Karoorri hojii gurguddoo bara 2014 galmoota, kaayyoo, tooftaa raawwiifi hojiilee xixiqqaa ykn tarreeffamoota hojiileen ittiin raawwataniin adda bahee akka armaan gadiitti tarreefamee jira.
Boqonnaa Sadaffaa.
Ijaaramaafii Dandeettii raawwachiisummaa garee komnikeeshinii,
3.1. Dandeettii raawwachiisummaa Fookaal parsanii kominikeeshinii ijaaruun rakkoolee dandeettii fi ogummaa mana hojichaa hiikuu.
Mannii hojii abbaa alangaa godina jimmaa jalattii gareen komnikeshini mana hojichaa sadarkaa fokaal parsanitin ijaaramee kunii:-
3.1.1. galma fi kaayyoo
- Garee kominikeeshinii ergama mana hojichaafii ergama ijarama komnikeshiniimana hojichaa bahaachuu danda’u taasiisuu.
- Dandeettii raawwachiisummaa hooggaansaafi raawwataa cimeen qulqullinaafi qabiyyee tajaajila mana hojichaa fooyyessuu.
- Barruu qo’annaa ittii fayyadama mala qunnamtii hammayyaa manneen hojii abbaa alangaa godina kenyaa maal akka fakkaatuu garsiisuu qophessuun ciminaafi hanqina mul’atan adda baasun tajaajila mana hojichaa hammayyessuu.
- Hojii kominikeeshinii haala ijaaramee fi qindaa’een raawwatamee raawwii hojii Mana Hojichaa fooyyessuu,
- Rakkoolee ilaalchaa hiikuun ol’aantummaa seeraa garee kominikeeshinii biratti mirkaneessuu,
3.1.2. Tooftaalee raawwii hojichaa
- Dandeettii raawwachiisummaa fookaal parsanii Kominikeeshinii ijaaruun rakkoolee ilaalcha ogummaafi beekumsaa jiru sadarkaa sadarkaan hiikuu, hudhaalee mula’atan qorachuun hojimaataafi gurmaa’insaan akka hiikaman taasisuu.
- Bu’aa hojii ilaalcha jijjiiruu hojii qabatamaa keessatti madaalaa, mirkaneeffachaa deemuu
- Hojii qabiyyee fi dandeettii fooyyessuu irratti ciminaan hojjechuu.
3.1.2.1. Hojiilee xixiqqaa ykn tarreeffamoota hojichi ittiin raawwatu
- Fookaal parsanii akka mana hojii keenyatti hundeessuu fi qaama dhimma kanarratti carraa leenjii argamuun hubannoo isaa akka cimu gochuu.
3.1.2.2. Galma
- Hojimaanni garee kominikeeshinii akka Godina Jimmaatti ergama isaa bahachuu danda’u ijaaruu dandeessisu diriirfame.
- Dandeettii raawwachiistummaa seektara kominikeeshinii fooyya’een hojii qabiyyeefi dandeettii fooyyessuurratti hojjetame.
3.1.2.3. Kaayyoo
- Hojii kominikeeshinii keenya haala ijaaramee fi qindaa’een raawwachuun ajandaa rogeessuun gahee adda durummaa taphachuu.
3.2. Tooftaalee raawwii hojii
- Hojiiwwan kominikeeshinii keenyaa karaa qindaa’ee fi waldeeggaru,(tokko kan biraatiif galtee itti ta’u), harcaatii hojii hambisuun karoroosuun akka raawwatamu gochuu.
- Hojii qabatamaa keessa galchuun ciminaafi hanqinasaa jiru adda baasuu hanqina fooyyeessuu.
3.2.1. Hojiilee xixiqqaa ykn tarreeffamoota hojii (activities) hojichi ittiin raawwatu
- Mata duree leenjii dandeettii raawwachiisummaa cimsu adda baasuu
- Manajimentii mana hojichaa fi hojjetootaa hubannoo uumuu
- LabsiiwwanDambiiwwan, Qajeelfamoota fi murtii dhaddacha ijibaataa adda adda 15,000(kuma kudhashanin) qaqqabsisuu.
- lakkofsii nama website mana hojii kenyaa daawwatuu guyyaatti 200(dhibba lamaa) fi isaa olqaqqabsiisuu.
- Namoota Dokumantoota fe’aman buufatu (download) godhatu waggaatti 20,000(kuma digdama) qaqqabsiisuu
- Lakkofsii haawaasaa website mana hojii kenyaa subscribe gochuun miseensa dhabataa ta’u guddisuun 10,000 (kuma kudhan) (dabaluu)
- Chaanaaii You Tube website mana hojichaa walin walittii hidhaminsaan banuun waggaatti hawaasa lakkofsii isaa 200,000(kuma dhibba lama) gahuufii isaa ol ta’ef hubannoo seeraa uumiuu.
- Midiyaan yuutuubii keenya miseensota 1500(kuma tokko) waggaatti akka qabaatu taasisuu.
- Vidiyoo mana hojichaatin lakkifamu 500 (dhibba shan) qaqqabsiisuu
- Fuula Face bookiin Hordoftoota 15,000(kuma kudha shan) bira akka darbuu taasiisuu.
- Fula facebook MHAAGJ verified account akka ta’u taasiisuun mana hojii kenyaa akkawuntii verified ta’e akka godinaattii isa jalqabaa akka ta’uuf hojjechuu.
- dhaggeffattota FM mana hojii abbaa alangaa godina jimmaa kan toora interneetii irraa 15,000 (kuma kudhashan) ol akka caaluu taasiisuu.
- vidiyoolee gaggabaaboo mana hojii abbaa alangaa godina jimmaatin hojatamee chanaalii toora marsariitii tiktok irrattii gadilakkifamuun hubannoo seeraa namoota argatan 200,000 (kuma dhibba lamaan) gahuu
- Fm jimmaa faana qindoominaan hojjachuu
- Raadiyoo Faanaa dame Jimmaa faana hojii qindoominaa hojjachuu
- walumaagalattii pejiwwan akkawuntiwwan fi website mana hojichaa fayyadamuun hawaasa lakkofsii isaa 500,000 gahuuf hubannoo seeraa uumuu
3.3. Rakkoowwan bulchiinsa gaarii tumsa mootummaa fi hirmaannaa uummataatiin akka hiikamu hubannaa fi sosochii uummataa uumuu:
- Galma.
- Meeshaalee riifoormiifi paakeejiiwwan bulchiinsa gaarii hojiirra oolaniin kenna tajaajilaa fooyya’e
- Kaayyoo
- Meeshaalee riifoormiifi paakejiiwwan bulchiinsa gaarii hojiirra oolchuun uummanni Godina keenyaa tajaajila qulqulluu fi haqa-qabeessa ta’e akka argatu gochuu.
- Tajaajila saffisaa, haqa qabeessaafi qulqullinaafi qaqabummaa qabu tumsa qaamolee hundaan dhugoomsuu.
- Tooftaa raawwii hojichaa
- Kaayyoo
- Raawwiifi hojiirra oolmaa meeshaalee jijjiiramaa irratti bu’aawwan argamaniifi hanqinaalee mul’atan beeksisuu, dhaabbilee mootuummaa keessatti sirna ittigaafatamummaa akka jiraatu taasisuu
- Sochii hirmaannaa uummataa sirna haqaa keessatti karaa itti fufinsa qabuun, hirmaannaa cimaa akka godhan gama hundaan mirkaneessu irrattis hojii qunnamti uummata kan hojjetamu dha.
- Rakkoowwan bulchiinsa gaarii sadarkaa adda addaatti mul’atan adda baasuu, hirmaannaa ummataatiin furmaata akka argatan hubannoofi sosochii ummataa uumuuf hojii kominikeeshinii hojjechuu.
- Miidiyaa garagaraa fayyadamuun hubannoon ummataa akka cimu gochuu.
- Hojiilee xixiqqaa ykn tarreeffamoota hojichi ittiin raawwatu
- Meeshaalee riifoormiifi paakejiiwwan bulchiinsa gaariirratti hubannoo hawaasaa cimsuun sirni ittigaaftamummaa cimaa akka jiraatuu fi ummata mirga isaaf falmatu uumuuf hubannoo seeraa uumuu.
- Rakkoo ragaa sobaa, seeraan ala nama naanneessuu,haasaa jibbiinsaa fi daldala seeraan alaa fi kkf irratti hubannoo hawaasaa kennuu.
- Mata duree adda addaa irratti miidiyaa hawasaa fi biroosharii fayyadamuun hubannoo ummataa cimsuu,
- Dargaggootaa fi dubartoota irratti xiyyeefannaa kennuun hojjachuu.
3.4. Muuxannoon gaggaarii akka babal’atu hojii hubannoo uumuu akka mana hojii keenyatti xiyyeeffannoon Hojjechuu
3.4.1. Galma
- Muuxannoowwan gaggaarii qindaa’anii hojiirra oolan.
- Kaayyoo
- Muuxannoowwan gaggaarii galmaa’an kutaa hawaasaa hunda biratti babal’isuun fayyadamummaa ummataa mirkaneessuu,
- Muuxannoo gaarii jiru qindeessuun akka mana hojii keenyatti babal’isuu, adda duadmina baay’inaan horachuu
- barruu qo’annaa dhimma komnikeeshinii irrattii gochuun muxxannoo ;mana hojii kenyaa hawaasaafii mannen hojii biadminiif dabarsuu.
- Tooftaa raawwii hojichaa
- Muuxannoowwan gaggaarii adda duadminaa seekteadmina bira jiran qindeessuufi hojii kominikeeshiniitiin deeggaruun kanneen biadminiif dabarsuu.
- Muuxannoowwan gaggaariin akka babal’atan waltajjiiwwan adda addaa irratti hojjechuu.
- Hojiilee xixiqqaa ykn tarreeffamoota hojichi ittiin raawwatu
- Muuxxannoowwan Godinaalee fi Naannolee biroo fudhachuun hojii irra oolchuu.
- Dhimma kominikeeshinii irratti muuxxannoo gaarii tokko qindeessuu.
Boqonnaa Afraffaa
Sirna Hordooffif Deeggarsaa
4.1. Kallatii,tooftaa Hojiin kun itti Raawwatamu
- Hojiiwwan keenya hunda bifa qindaa’ee fi karaa waldeeggaruu fi inni tokko kan biraatiif haala galtee ta’uu danda’uun raawwatamuu qaba.
- Duudhaalee mana hojii keenyaa eeguu, kabachiisuu fi gara bu’aa caalmaa argamsiisuu danda’uutti ceesisuun barbaachiisaa dha.
- Bara 2014 keessatti hojilee kominikeeshinii hojjatamuuf karoorfaman keessaa hojiin ilaalcha gufachiisoo sirreessuu hojii isa ijoofi ol’aanaa yammuu ta’u, bara kana keessa rakkoo kutannoo dhabuu rincica raawwataa bira ture adda baasuu, hojimaatarratti hundaa’uun sirreessuu, leenjiiwwan garagaraa akka Godina keenyaatti kennuun iftoomina uumaa deemuun gareen keenya ilaalchaafi gochaan tokko ta’ee karaa guutuu ta’een ergama itti kenname bahachuu akka danda’u haala mijeessuun rakkoo ilaalchaa damee kominikeeshinii hiikuurratti xiyyeeffachuun kan hojjatamu ta’a.
- Hojiiwwan keenya hunda yoo hojjennu hojimaataa fi qajeelfamoota mootummaa kabajuudhaan naamuusa cimaatiin hojjechuu qabna..
- Kana irraa ka’uudhaanis, gama tokkoon ciminoota waggaa darbe keessatti gonfannee fi muuxannoowwan as irratti arganne cimsinee kana caalaa kan itti fufsiifnu ta’a..
- Gama biadminiin ammoo, kanneen hanqinaalee keenya jedhamanii ifatti beekamanii fi as keessattis, caqasuuf yaalaman hatattamaan yeroo osoo hin kenniiniif sirreessuudhaan, deemsa keenya itti aanu milkeessuu qabna.
- Hojiiwwan keenya hunda karaa raayyaa ijaarameen raawwatamuu akka qabuu fi barbaachiisummaa fi faayidaa raayyaan hojjechuu sirriitti hubachiisuu fi kallattii bu’uurawaa akka ta’e
- Karoora Hojii keenya hunda karaa hirmaachisaa fi demokraatawaa ta’e qofaan raawwachuu qabna.
Walumaagalatti, tooftaawwan kominikeeshinii hundatti fayyadamuun gochootaafi ilaalchota gufachiisoo saaxilaa, sirreessaa deemuun ummata keenya biratti iftoomina uumnee muuxannoowwan bara darbe keessa argamanittis fayyadamuun akkasumas, hanqinaalee turan adda baasaa sirreessaa deemuun hojiin kominikeeshinii hojjatamu bara kana keessattis cimee kan ittifufu ta’a.
4.2. sirna Hordooffif Deeggarsaa
Karoorri bu’aa irratti xiyyeeffate kun haala barbaadameen akka raawwatamuuf galmaa ka’aman fiixa akka ba’an gochuuf sirni hordoofii fi deggersaa cimaa ta’e bara 2014 diriirsuun murtessa dha. Sirni hordoffii fi deggersa keenyaa Tooftaalee hordoffii fi deggersaa sadaniinuu raawwatamuu qaba. Haaluma kanaan:-
4.2.1. Sirna Gabaasaa fi Duudeebii
Hojiileen karoora kana keessatti ka’aman hundinuu haala raawwii isaanii, ciminaa fi dadhabina hojii keessatti callaqisan akkasumas, rakkoolee qunaman dabalatee idileen gabaasni qulqulluu torbeen, ji’aan.kurmaanaan fi waggaan yeroo isaa egee qaama ol’aanaaf gabaasuu.
4.2.2. Gamaggama Hojii Gaggeessuu
Raawwii karoora yeroo yeroon gamagamuun haala raawwii isaanii bu’aa argamuu (out put) kallattii itti raawwatame (ciminaa fi hanqinoota mul’atan) akkasuumas, qaama raawwii keessatti hirmaate sadarkaa gumaacha isaa qorachuun dhimma murteessaadha. Haaluma kanaan
- Akka mana hojii keenyatti hojii kana ji’a, Kurmaanaa fi waggaan gamaaggamuun hanqinaalee fi ciminoota adda baasaa kan deemnu ta’a.
- Fookaal parsaniin manaajimeentii mana hojichaa ji’a ji’aa raawwii karooraa gabaabinaan gamagamuun dhimmoota tarkaanfii sireeffamaa barbaadaniif kallattii ni kaa’a.
- Garee hojii koominiikeeshinii sadarkaa abba Adeemsaatti Torbee Torbeen hojii isaa qorachaa Adeemsa dhimoota furmaata barbaadanis manaajimeentiif dhiyessuun murteesa ta’aa.
4.2.3. Cheek Liistiin Hordoffii Taasisuun Deggeruu
- Hojileen karoora keessatti hammataman kurmaanaa fi ji’aan caccabuun gadi buusuu fi waldeeggaruun akka raawwataman gochuuf hojilee cheekliisitii caccabsanii raawwii isaa duuka bu’uun bu’aa qabeessa waan godhuuf cheekliistiin torban,ji’aa fi kurmaanaan hojileen xiyyeeffannoo barbaadan akka hordoffaman ni taasifama.
4.3. Rakkoolee karoora bara 2014 kana Keessatti Muudachuu Danda’an
- Rakkoo Hanqinna humna Nama gahaa ta’ee fi muxxaanno qabu dhabuu.
- Hanqinna loojistikii mudachuu keessattuu meeshaalee , addaan cicituu neet woorkii fi humna ibsa
- Hanqina baajataa maxxansa meeshaalee adda addaa nu qunnamuu danda’a.
4.4. Furmaata Kaa’ame
4.4.1. Akka waligalaattii
- Barruu qo’annaa dhimmaa komnikeeshinii irrattii qophessuun haanqinaafii ciminnaa jiruu adda baasuu.
- Qo’annaa qophaa’ee irrattii hundaa’un haanqinoota adda baafamaniif akkaata qo’annichaattii furmaata akka argatuu taasiisuu
- Garee komniikeeshiniifii fokaalparsanoota komniikeshini mannen hojii aanaalee godina jimmaa jalattii argamaniif leenjiifii waltajjii qophessun gahoomsuu.
4.4.2. Rakkoo hanqina humna namaafii lojistiikii mudatuuf
I. Rakkoo hanqina humna namaa ilaalchisee
Rakkoo hanqina humna nama walqabate mudatuuf karaa lamaan furmaata ittii keennun ni danda’ama, kunis:-
- 1ffaan gareen ijaaramee ykn fokalparsanin dhimmota komnikeeshini mana hojichaa yeroo isaa sagantaafii karooraan fayyadamuun hojjii ogummaa isaa dabalataan akka hojjetuu taasiisuu.
- 2ffaa manni hojichaa hanga dandaa’amee hojjetaa deggarsaa oggessa komnikeeshinii ykn ogessa ICT ta’e akka qaxaruu ykn bulchinsa amansiisuun qaxarsiisuu.
- dhuma irrattii Muuxannoo iddoo biroo jiru ilaaluu fi leenjii gabaabaa kennuu.
II. Haanqina Lojistiikii ilaalchisee
- faayidaa fii gahee dhimmii komnikeeshini qabuu hubachuun bittaa lojistiikii dhimmoota komnikeeshini gargaaran taasisuu.
- Hanqinna baajataa maxxansalee furuuf baajata qabnnu qussannaan fayyadamuu
- walumaagalattii Carraa argameen fayyadamuun rakkoo loojistikii furuu.
.