HARIIROO HOJII FI SIRNA HIIKKAA WALDHABBII FALMII HOJII KEESSATTI RAKKOOLEE MUL’ATAN pdf

1.  SEENSA

Dhaabbatni Dhimma Hojjetaa fi Hojjechiisaa Addunyaa (ILO) yeroo akka qaama ‘Liigii mootummootaatti (League of Nations) hundaa’e, bara 1919 irraa jalqabee haalota hojii /working conditions/ fooyyaa’oo uumuuf, sadarkaawwan dhimma hojii /labour standards/ fi yaadota furmaata(recommendations) baasuun hojjechaa tureera. Konveenshinootnii fi yaadotni furmaataa (reccommendations) miseensota dhaabbatichaatiin yeroo adda addaatti bahan kunneenis istaandardiiwwan hojii addunyaa (International Labour Standards) uumaniiru. Biyyi keenyas ALA bara 1923 miseensa Dhaabbata Hojjettoota Idil-addunyaa yeroo taatee jalqabee mirgoota hojjettootaa kabajuu fi kabachiisuuf tattaaffii adda addaa godhaa turteetti. Bu’uura kanaanis, konvenshinoota bu’uuraa dirqisiisoo saddeet jiran dabalatee konveenshinoota 22 raggaasifteetti2. Sirnoota mootummaawwan darbanii keessattis ta’e Heerri Mootummaa RDFI erga bahee asitti, mirga hojjettootaa kabachiisuudhaaf uwwisa seeraa fi caaseffama gara garaa dhimma kana irratti hojjetu hundeessuudhaan hojiiwwan hojjetamaa turaniiru.

Heera Mootummaa RDFI keessatti mirgootni gurguddoo hojjetaan qabu teechifamaniiru. Imaammatni fi Tarsiimoon Biyyoolessaa Dhimma Hojii Itoophiyaa bara 2009 bahes industirii hojjettoota baay’inaan hirmaachisan (labour intensive) uumuu fi oomishtummaa fi galii hojjettootaa fooyyeessuu jiddu-galeessa godhatee kan qophaa’e dha3. Labsiin hojjetaa fi hojjechiisaa lab.lakk. 377/96 (kana booda LHH) yeroo ammaa hojiirra jirus nageenya industirii mirkaneessuuf kaayyeffatee kan bahe yoo ta’u, innis dhimmoota murtaa’an irratti yeroo lama fooyya’eera. Seerotni kunis Labsii 466/97 fi Labsii lak.494/98 dha. Labsii hojjetaa fi hojjechiisaatiin alattis seerotni hariiroo hojii waliin rogummaa qaban biroo hedduun bahanii jiru4

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *