GITA MIRKANEESSA RAGAA DHIMMA YAKKAA: YAADRIMEEWWANII FI XIINXALA DHIMMAA pdf

Seensa

Manneen murtii keessatti Sadarkaa ragaan tokko balleessummaa nama yakkaan himatamee itti mirkaneessuu qabu irratti hubannoon walfakkaataan hin mul’atu. Yaadrimeewwan gita mirkaneessa ragaa sirnoota seeraa koman loo fi kontineentaalii gidduutti akkasumas biyyoota sirna seeraa walfakkaataa hordofan keessattillee hojiirra oolmaa fi hiikkaa gara garaa qabu. Seerotnii fi heerri keenyas ragaan seeraa dhiyaatu balleessummaa himatamaa sadarkaa kanatti mirkaneessuu qaba jechuun ifatti waanti kaa’an hin jiru. Ibsa biraatiin, dhimma yakkaa irratti ragaan abbaa alangaa dhiyaatu milkaa’uudhaaf baay’inas ta’e qulqullina /gahuumsa/ qabaachuu qabu seerri bitu hin jiru. Kun immoo ogeessotni qaamolee haqaa naannichaa, keessattuu abbootiin seeraa, gita mirkaneessa ragaa yakkaa kana kallattii gara garaatiin akka ilaalan godheera. Kunis amanamummaa sirna haqaa naannichaa irratti akkasumas mirgootaa fi bilisummaawwan bu’uuraa lammiilee irratti dhiibbaa mataa isaa fidaa jira. Galmeen Mana Murtii Olaanaa Godina Arsii Lixaa lakkoofsi isaa 106951 ta’e falmii yakka ajjeechaa cimaa hammeenyummaan raawwatame jedhame kan ilaallatu dha. Dhimmi xiinxalamuuf yaadame kun rakkoon armaan olitti ibsame hangam hammaataa akka ta’e agarsiisuu ni danda’a yaada jedhuun kan filatame  dha. Haaluma kanaan, xiinxalli dhimmaa kun muuxannoo manneen murtii biyyoota gara garaa, hiikkaa fi qabiyyee yaadrimeewwanii fi bu’uura qajeeltoowwan gita mirkaneessa ragaa kanneenii, heeraa fi seerota biyya
keenyaa akkasumas barmaatilee jiru gabaabinaan kan dhiyeessu ta’a

mhaa
[jetpack_subscription_form show_subscribers_total=”false” button_on_newline=”false” submit_button_text=”subscribe Godhaa” custom_font_size=”16″ custom_border_radius=”0″ custom_border_weight=”1″ custom_padding=”15″ custom_spacing=”10″ submit_button_classes=”” email_field_classes=”” show_only_email_and_button=”true”]

  • mhaa

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *