
Manni Hojii Abbaa Alangaa Godina Jimmaa Gamaggama raawwii hojii kurmaana lammaffa guyyaa lamaaf gaggeesseen gaafa guyyaa 5/5/2013 gabaasa godinaa qorachuun akkasumas gaafa guyyaa 6/5/2013 immoo gabaasa aanalee karaa bilchina qabuun hooggantoota Aanaalee fii godinaa waliin qorachuun hanqinoota jiran haala maqsuun danda’amu irratti marii baldhaan erga gagggeeffamee booda hojiileen xiyyeeffannoo kurmaana itti aanu irrattii maari’atame kallattin kahaameraa.

Haaluma kanaan qabxileen armaan gadii kallatt Rawwii hojii kurmaana itti anuuf qabamani. isaanis:-
- Hojiirra oolmaa fii bu’aa qabeessummaa RBM mirkaneessuun bu’aawwan battalaa bu’aa waliigalaa karoorfameef galtee ta’uu danda’an argamsiisuu
- -Bu’aa Hojiiwwan olaantummaa seeraa dhimmoota yakkaa fii hariiroo hawaasaa dantaa uummataa caalmaatti milkeessuu
- -Gaarummaa Duudhaa fii naamusa mana hojii fii Abbaa Alangaa mirkaneessuu
- -Humna Dandeettii raawwachuu fii raawwachiisuu cimsuun miira tajajiltummaa mana hojichaa keessatti gabbisu
- -Hojimaata Mana hojichaa fii sirna qabinsa ragaa hammayyeessuu
- -Qindoomina keessoof alaa cimsuun bulchiinsa gaarii mirkaneessuu fii hojiiwwan biroo mana hojichaa amantaa uummataa horachiiisuu danda’un dirqama bahachuu irratti xiyeeffannoon hojjetamu akka qabu kaka’umsaa gaariin waliigaluun waltajjichi kan xumurame yommuu ta’u , yeroo dhihootti waltajjiin Abbootii alangaa hunda hirmachisus kan uumamu ta’uu kallattiin taa’era.
Website MHAAGJtti galmaahuf sanduuqa armaan gadii fayyadama 👇👇👇👇⚖️👇👇👇👇
[jetpack_subscription_form show_subscribers_total=”false” button_on_newline=”false” custom_font_size=”16″ custom_border_radius=”0″ custom_border_weight=”1″ custom_padding=”15″ custom_spacing=”10″ submit_button_classes=”” email_field_classes=”” show_only_email_and_button=”true”]