Sirna ogeessotni seeraa gama ogummaa AbbaaAlangummaatti ittiin dhufan,yerooo gummicha keessa jiran ittiin hogganamaniifi ogummicha keessaa ittiin bahan karaa iftoominaqabuundiriirsuunbarbaachisaata’eewaanargameef; dirqamaafinaamusaogummaaAbbaaAlangummaakabajaniihojiiisaaniibilisata’anii itti gaafatamummaan hojjachuun hawaasa haqaan akka tajaajilan gochuun barbaachisaa ta’ee waan argameef;

Akkasumas dambiin ittiin bulmaata Abbootii Alangaa hojiirra jiru Abbootii Alangaa Biiroo Haqaa Oromiyaa qofa hubannoo keessa galchee kan baheefi yeroo ammaa immoo Manni Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa hundaa’ee hojiin Abbaa Alangummaa iddoo addaa addaatti faffaca’ee ture iddoo tokkotti waan deebi’eef, Dambii caaseffama haaraakana hoogganuu danda’u tumuun barbaachisaa ta’eewaan argameef;

Akkaataa Labsii Mana Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa Lakkoofsa214/2011 keewwata27(1)tin Danbii kuni bahee jira. mana hoji abbaa alangaa waligala Oromiyaa.
