=====
1.1. Seensa
Jaarraa 21ffaa amma keessa jirruu kuni jaarraa addunyaan ittii tokkomtee (the century of globalization) ta’un isaa waan hubatamuu dha. Kanaaf immoi sababoota adda addaa jiraataniis Sababni hangafaa fi isa dura toora interneetii fayyadamuun platformoonnii hawaasaa adunyaa walittii hidhan heedduun umaamuu isaaniitiifi. Kunis marsariitii website adda addaa dabalatee marsariitiiwwan haawaasa heedduun interneetii irrattii kalaqamuufii dhaqabamummaan hojirraa oluu isaan kan dhufeedhaa. As irrattii akkaa qo’annaan adda addaa agarsiisuu lakkoofsa ummata biyya Itiyoophiyaa keessaa miliyoonni 30 ol ta’u ummata interneetii fayyadamuu yommuu ta’u kana irraa parsantiin 60% ol ta’u ammoo guyyaa guyyaatti haawasa interneetii fayyadamuudhaa. Qo’annoon dhimma kana irrattii godhaman akka garsiisaniittii ummannii miliyoona 30 ol ta’u kana irraa ummannii finfinneefi naannoo Finfinnee jiraatuu sadarkaa tokkoffaa irratt yommuu taa’u ummannii naannoo Oromiyaa ammoo lammaffaa irrattii ta’a. Karaa biraatiin ammoo Haawaasni Finfinnee fi Oromiyaa qoftii fayadama interneetii biyyattii keessaa persontii 70% yommuu qabatan naannoleen biroo ammoo persontaa haftee addaan hiratuu jedha qo’annaa toora kana irrattii godhamee.[1] As irrattii platfoormoota interneetii fayyadamuun jijjirama siyas dinagdee biyya kenya kessattii mul’atu fiduun isaa waan hubatamuudhaa.
Erga hangana jennee haawaasa kenya kan internet fayyadmuu kanaaf carraa beekkumsa fi hubannoo seeraa umuuf hojjetamu akka biyyaattii keessattuu akka Oromiyaattii hin mul’atu. Nutis dhimma kana ilaaluun haawasa lakkofsii isaa miliyoonaan lakkaahamuu kanaaf carraa hubannoo seeraa ittii argatuu bal’isuufi jechaa platfoormota interneetiin nuuf fidee dugugnee fayyadamuuf carraaqii guuddaa taasiisa jirraas. Carraaqqii Kenya kanaanis faayiidaa guddaa ta’ee haawasa kennyaaf argamsiisnee jirraa. Agarsiiftuun carraaqqii kenyaa kessaa akka hangafaattii kan ka’u website ofiselawa ta’e maqaa Mana Hojii Abbaa Alangaa Godina Jimmatin[2] banuun dokumantoota seeraa kumaatamaan lakkaahamuu akka salphaattii akka argaman taasiisuun Kenyaafii platfoormii website kenyaa fayyadamuun tamsaasa fm tora interneetii irraatti hubannoo seeraa keennuudhaaf tamsaafamuu bannee sagantaa torbaanin si’a sadii tamsaafamuun hawaasa kumaatamaan lakkahaamuuf carraa hubannoo seeraa keennuu dandenyeerraa. As irrattii wantii hubatamuu qabuu tamsasa FM Tooora interneetii irrattii taamsaafamuun haawaasaaf beekkumsa seeraa gabbisuun akka biyyaatti mannii hojii kenyaa isa jalqabaatii yoo jeennee soba hinta’u.[3] Gama iraatiin dhaqabamummaa kenyaa mirkanessuuf websitii fi fm irrattii qofa oso hin gabaabbatin midiyaa hawaasa akka facebook,[4] YouTube,[5] LinkedIn,[6] Pienters,[7] fi kkf irrattii banaman website mana hojii kenyaa walin akka waliittii hiidhaminsaan hojjetan taasisuun, hawaasa interneetii fayyadamuu kan llakkofsii isaa miliyoonaan lakkaahaamuuf carraa hubannoo seeraa iitti argatuu bal’isuun danda’mee jira. as irrattii wanti hubatamuu qabuu akka mana hojii kenyaattii hojii komnikeeshinii karaa sayinsaawaa ta’’efi ciminnaan kan hojjetamuu yoo ta’ee Oromiyaa kessattii qofa ummata hanga miliyona 10 gahuu danda’uuf carraa hubannoo seeraa ittii dagaagfatuu umuun akka danda’amu qo’annaan gama kana irrattii taasiifamee ni mul’isa.[8] kanattii ansuun ittii fayyadamnii ICT MHAAGJ Maal akka fakkaatuu gabaabsinee isinif ibsina.
https://www.pinterest.com/mhaagj/
- Website MHAAGJ maaltuu hojjetamaa jiraa?.
Websitin MHAAGJ erga banamee ji’ota jaha kan hincaallee yommuu dokuumeentoota seeraa kumaatamaan fe’amee hawaasa lakkoofsii isaa hangana hin jedhamneef carraa barruu fii dokumeentoota seeraa ittii argatuu bal’isee jira. agarsiiftuu kanaa akka armaan gadiittii ibsina.
- dokumentootni 10K caaluu kusaa sadii jalatti fe’amanii jiruu.
- kusaa seeadminaa jalattii jeedhuu jalattii. [9]
- hera MF fi Motumota naannoi saglanii
- labsii federaalaafi MNO lakk 1 kaasee hanga dhumaattii jiruu bakka tokkottii waan qabateef.
- danbiwwan qajelfamoota murti dhadacha ijibaataa murtiilee manneen murtii sadarkaa adda addaa dokumantoota 5000 ol ta’e ni argama
- kusaa barrulee jalattii.[10]
- barrulee xinxala seeraa qorannaafii qo’annaa seeraa kan hubannoo seeraa namaaf keennaan kumaatamaan fe’ameejira.
- kusaa cassation jedhuu jalattii,
- murtilee dhadacha ijibbaataa MMWF jildii maraayyuu
- murtilee dhadacha ijibaataa MMWO jildi sadan
- murtilee MMO godina jimmaa adda addaa
- lakkofsii nama website mana hojii kenyaa daawwateefii dokumantoota fe’aman download godhatee yommuu ilaalluu
lakkofsii daawwattotaa visitors kuma shan an caaleedhaa averejidhaan guyyaattii namnii 60-90 website www.mhaagj.org visit godhaa jira. dokumentoota fe’aman kessaas walumaagalattii si’a 17,000 ol yommuu download godhamuu lakkofsa tokkoffaa irrattii kan download godhamee ammo nama 600 ol ta’en dokumenti download godhameedha, haaluma kanaan dokumentootaa yeeroo heedduu download godhaman keessaa sadarkaa 1-5 jiran si’a meeqa akka download godham walin wal qabsiifnee tartiibaan akka aramaan gadittii isinif ibsina.
- 1ffaa Labsii hundeffama MHAAGJ Namnii 650 download godhamera
- 2ffaa labsi lakk 2002/2009 namnii 465
- 3ffaa anti corruption law namni 453
- 4ffaa comnication service proc 448
- 5ffaa barruu xinxala murtii dhadacha ijibbaataa irratt abbaa alangaa aanaa obboo Abdusalam hasanin godhamee namnii 440
- Lakkofsii haawaasaa website mana hojii kenyaa subscribe gochuun miseensa dhabataa ta’e yommuu ilaalluu.[11]
websiti mana hojii kenyaattii email fayyadamuun miseensa dhaabataa ta’un kan dandaa’amuufii misensa ta’un immoo dokummeentoota seeraa nutii maxxansiinuu maraa karaa salphaadhaan akka email ofitiin access godhan kan taasiisuu ta’usaa haawaasniii hubatee miseensa ta’e kuma tokkoo kan caalee yommuu ta’u miseensoota dhabataa kana ammoo ji’a jaha hin caallee keessattiii kan argaman ta’’un gaafa hubatamuu hojiin keenya haammam bu’’aa busaa akka jiruu hubachuun ni dandaa’ama..
walumaagalattii websiitin Kenya hawaasa kenyaaf hubannoo seeraa umuu bira taree tajaajiilamaan mana hojiii kenyaa tokkoo carraa yaada isaa bilisaan akka keenuu danda’uuf[12] bellama isaa akka manuma taa’ee hordoofuuf[13] akka bellama qabsiifatee guyyaa bellamaa san yommuu dhuufuu takkattuu akka kessuumeffamuu danda’uf platformoota addaa addaatiin taasiisnee jirra.
==
- Chaanaalii You Tubee MHAAGJtin Maaltuu Hojetaamaa jiraa?[14]
chanaaliin marsariitii youtub irrattii maqaa mana hojii
kabajamtoota Kabajamtoota hordoftoota kenya manni hojii kenyaa toora argamee maraan haawaasa kenyaaf hunnbaoo seeraa kennuuf carraaqaa jiraa kana kessaa lenjin hubnanoo seeraa kallattii websitiifii chanaiil you tube irrttaii banameen kennamaa jiruu torbaan tokkoo kessatiit hanga nama 700 olin daawwatamuun https://youtu.be/0glebW9EFh8
==
==
[2] website MHAAGJ Daawwachuuf :- www.mhaagj.org
[3] http://Anchor.fm/fm_mhaagj
[4] https://www.facebook.com/Mana-Hojii-Abbaa-Alangaa-Godina-Jimmaa-100865548519031/
[5] https://www.youtube.com/channel/UCNFvRxK8rUAPWZhrKW7-rZA
[6] https://twitter.com/mhaagodinajimma?lang=en
[7] https://www.pinterest.com/mhaagj/
[9] www.mhaagj.org/federal-supreme-cassation-all-pdf/lawsarchive-kusaaseeadminaa
[10] https://www.mhaagj.org/blog/
[11] https://www.mhaagj.org/contact-us/
[12] https://www.mhaagj.org/formats/
[13] id
[14] https://www.youtube.com/channel/UCNFvRxK8rUAPWZhrKW7-rZA