- Abbootii Alangaa Godina jimmaatif
- Abbootii Alangaa Godinaalee fi anaalee fi waligala oromiyaa kessa jirtan maraaf.
- Barattoota qo’attootaafii qaamoolee seeraa kamifuu.
Abbaan alangaa, Barataan seeraa, abukaatonifi namni barruu xinxala seeraa barressitani of haarkaa qabdan ykn amma boda barressuf feedhii qabdan yoo jiraattan barreeffama fula 5 gad hin taanee yoo nuuf ergitan madaallii kenya kan guutuu yoo ta’e maqaa kessanin bekkamtii kennuun websayit mana hoji kenyaa irrattii kan maxxansinuu ta’u kenya isin beksifna. Kessattuu dhimma murtii dhadacha ijjibaata federaalaa jildi 24ffaa irrattii yakka midhaa qaamaa cimaa kewwata yakkaa 555 irrattii barruu xinxala seeraa namnii barressee ni jajjabeffama. Barruu keessan qaamaa waajjira mana hoji AA godina jimmaattii ykn ammoo emailin telegraam fi fula facebook kenyaatin nun gahuu ni dandessuu.
