
Qo’annaan kuni garee qo’annaa komishini naamusa fi farra malaammaltummaa oromiyaa fi yuniversity sayinsif teknoloji adamaatin kan godhamedhaa.
Manni Hojii Abbaa Alangaa Godina Jimmaa ammoo website ofi irrattii maxxansee jira.
Yaada Cuunfaa
Qorannoon kun Yunivarsitii Saayinsiifi Teeknoloojii Adaamaafi Koomishiniin Naamusaafi Farraa
Malaammaltummaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa waliin ta’uun kan adeemsifame yoo ta’u
kaayyon isaas hubannoo, ilaalchaafi gocha malaammaltummaa naannicha keessa jiru sakatta’uudha.
Kunis ragaalee qabatamaafi wayitaawaa sakatta’a kanaan argamu irratti hundaa’uun tarsiimoowwan
bu’a qabeessa qabsoo farra malaammaltummaa cimsuuf gargaaran bocuufi hojiirra oolchuuf kan
fayyaduudha. Sakatta’ichi abbootii/haadhotii warraa, dhaabbilee tajaajila hawaasummaa, dhaabbilee
daldalaa, dhaabbilee misooma mootummaa, dhaabbilee mit-mootummaa, waldaalee ogummaafi
hawaasa siviliifi dhaabbilee amantii naannicha keessa jiran irratti kan xiyyeeffateedha.
Irraawwatamtoota qoranichaa armaan olii keessaa iddattoon baay’ina deebistoota 7975 qabu
filatameera. Deebistoonni kunniin iddoowwan madda ragaalee godinoota 18fi magaalota addaa 12
naannichaa keessaa filatamanirraa tooftaa iddatteessuu walmakaa fayyadamuun filataman. Harka
caalaan, iddattoon bakka bu’ootaa kan filatame, tooftaalee iddatteessuu sadark-heddeefi gareewwan
walgitaawaa jedhaman fayyadamuun ture.