Barruu Hubannoo Seeraa_pdf

Seera_Yakkaa Godaansa seeraan Alaa irratti qo’annaa aanaa deedoo irratti godhame

Abbaan Barruu kana Qophessee AA Hasen Mh

Abbaa Alangaa Godina Jimmaa fi Qorataa seeraa.
  • Mhaagj
  • ICL

kuma beekkamuu hundeen ijaarsa biyyaas ta’e ijaarsa motumma biyya tokkoo ittiin bulmaata seera biyya saniti. Kana jechunis biyya tokkoo kessattii waan hundaa ol kan kabajamuu seera biyyatti sanitii. Kunis olantummaa seeraa jedhamuun kan bekkamudhaa. Dhimma kana irrattii falasafonni seeraas heddun ilaalcha wal fakkaataa ta’e kahuu. As irrattii akka fakkenyaattii xinxalaa fi falaasafaa bekkamaan soqraxes akka “Seera kamiyyuu kan ati siiiridha jette amntus ta’e sirri miti jijjiramuu qaba kan jettee falmituyyuu haata’u bu’an seerichi sirrattii hordofsisuu yoo hin kabajnee ati namota waligaltee ummataa diguu irraa ta’u kee baruu qabdaa. Kanaafuu ani seera mormuun murti adabbii du’a naaf kennamuun isaa sirrii miti jedhee amanus seerri anaafii mormii kiyyaa ol waan ta’ef adabbii narratti kennamee nan fudhadhaa adabbii kana jalaa bahuufis mana hidhaa kessaa miliqee seera biyya kiyyaa hin cabsuu” (hiikkaan kana barruu kana qophessedhaa) jechun maalummaa olaantummaa seeraa hika.
Kayyoon seera kamiyyuu walittii dhufenya ykn haariiroo namotaa fi ummattotaa jidduu jiruu kallattii qabsiisuuf waan umameedhaa. Meeshaan kaayyoo seeraa kana ittin raawwachifamuu ammo motummaa jedhama. Dhugadha motummaan kamiyyuu seeraa ol oso hin taanee seeraa gadii. Sababa kanaafis motummaan walittii dhufenya namotaafii ummattoota jidduu jiruu gaafa kallattii qabsiisuu ykn gaafa sirressuu seeraa ol ta’e oso hin taanee seeraa gadi ta’un seraan masakamun ta’u qaba. Kayyoon barruu kanaa motummaan akkamittii seeraa gadi ta’e seeraan masakama kan jedhuu ibsuuf oso hin taanee ummannii ykn namni dhunfaan kamiyyuu akkammitti kaayyoo seeraa kana galmaan gahuu dandaa’a kan jeedhu hubannoo keennuf waan ta’ef dhimma duraa irrattii waa hedduu hin jedhuu. Haa ta’u malee akka ummataattis ta’e akka nama dhunfaattii ademsa motummaa mormun ykn ammo motummaa tokko qebaluu dhisuun mirguma ta’e oso jiruu, ummannis ta’e namni dhunfaa kamiyyuu deeggarsis ta’e mormiin isaa seera cabsun kan rawwatamu taanaan hundeen ijaarama biyyaa fi waligaltee ummataa cabsuu waan ta’uf olaantummaa seeraa kabajanii kabajcisuu irrattii of eggannoo guddaa taasisuu qaba.
Walitti dhufeenya namootaa fi ummattoota jidduu jiruuf haqni dhimma murteessaa fi bu’uuraati. Walitti dhufeenya namootaa fi ummaattoota gidduu jiru sirrii ta’uusaa kan mirkanneessan qaamolee haqaati jechuu dandeenya. Walitti dhufeenyi kun namoonni walitti dhufeenya dhimma hamilee, diinagdee, hawaasummaa fi siyaasaa qaban hunda kan hammatee jiru ta’uu danda’a. As irrattii kallattii seeraatiin yoo fudhannee yadrimeen adunyaattii bekkamaa ta’e tokko arganna. Innnis, yadrimee “Seera beekuu dhisuun ykn wallaalun ittii gaafatamummaa Seeraa jalaa nama hin baasuu.” kan jeedhuu yommuu ta’u yadrimeen kunis heera FDRI, Heera MNO, Seera yakkaa FDRI fi Seerota adda addaa irrattii ifattii caqafamee jiraa. Kanaafuu seera wallaalun kan ittii gaafatamummaa irraa nama hin baasnee taateefi hundeffamni qaamoolee haaqaa biyya tokkoo haqa mirkanessisuuf kan kaayyeffatee hanga ta’ettii ummata kamiyyuutif hubannoo seeraa kennuun ummannii mirgaafi dirqama isaa akka kabajee kabajchifatuuf hojjachun dirqama hangafaa qaamoolee haqaa ta’a jejchuudhaa. Kessattuu kaayyoofi galmi hundeffama Abbaa Alangaa waligalaa Federaalas ta’e kan MNO nama yakka tokko hojjete adabsisuu qoofa oso hintaanee ummata seera kabajun yakkarraa fagaatuu umuudhaa. Dabalataan kayyoon adabbii seera yakkaatis haaloo bahaachuu qoofa oso hin taanee nama yakka raawwatee yakka isaa irraa baratee gaabbun fulduraaf lammii gaarrii akka ta’u barsiisufi. Kana jechunis waajjirii Abbaa Alangaa Sadarkaa kamuu ummata ittii dhihaatanif jalqabumarraa hubannoo seeraa keennuun hooji ykn gochaa yakka ta’eefii yakka hin taanee barsiisuun dirqama isaanii isa hangafaatii. Haluma kanaan waajjirrii abbaa alangaa Aanaa Deedoo bara 2013 kessattii hubannoo seeraa akka waligalaattii keennuf karoorfateen dhiimmoota haala yeeroofi yakkota anaa kenya kessattii walaalumaan raawwatamaa jiran jedhee adda baaseen seerota godaansa seeraan alaa, yakka da’immanifi dubartoota irratti raawwatamuu, yakka raga soobaa fi yakkota motummaafi heera motummaa irrattii rawwataman mali kan jedhuu irrattii hubannoo seeraa keennuuf karoorfatee barruu kanaan qophesse jira.

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *