Barruu Hubannoo Seeraa.

Seeadmina yakkaa.

  • Goodaansa Seeraan Alaa
  • Yakka Da’immanifi Dubartoota irrattii raawwataman irrattii qo’annaan qophaahee.

Barruu kana kan Qophessee. Abbaa alangaa Hasen Muhamedhusen Hasen.

Suraa 1. Suuraa abbaa barruu kana qophese. Hasen Mh hassen.

Boqonnaa Tokkoo

Seensa Kaayyoofi Galma Barruu kanaa.


1.1. Seensa
Akkuma beekkamuu hundeen ijaarsa biyyaas ta’e ijaarsa motumma biyya tokkoo ittiin bulmaata seera biyya saniti. Kana jechunis biyya tokkoo kessattii waan hundaa ol kan kabajamuu seera biyyatti sanitii. Kunis olantummaa seeraa jedhamuun kan bekkamudhaa. Dhimma kana irrattii falasafonni seeraas heddun ilaalcha wal fakkaataa ta’e kahuu. As irrattii akka fakkenyaattii xinxalaa fi falaasafaa bekkamaan soqraxes akkana jechun seeraaf olantumma seeraa hikaa:-

Seera kamiyyuu kan ati siiiridha jette amntus ta’e sirri miti jijjiramuu qaba kan jettee falmituyyuu haata’u bu’an seerichi sirrattii hordofsisuu yoo hin kabajnee ati namota waligaltee ummataa diguu irraa ta’u kee baruu qabdaa. Kanaafuu ani seera mormuun murti adabbii du’a naaf kennamuun isaa sirrii miti jedhee amanus seerri anaafii mormii kiyyaa ol waan ta’ef adabbii narratti kennamee nan fudhadhaa adabbii kana jalaa bahuufis mana hidhaa kessaa miliqee seera biyya kiyyaa hin cabsuu”1 (“ (hiikkaan kana barruu kana qophessedhaa)

Josiah O. “Socrates and democratic Athens: The story of the trial in its historical and
legal contexts.” Princeton press/Stanford University, Pp43
Suraa 2:- Socrates.

Kayyoon seera kamiyyuu walittii dhufenya ykn haariiroo namotaa fi ummattotaa jidduu jiruu kallattii qabsiisuuf waan umameedhaa.

Josiah O. “Socrates and democratic Athens: The story of the trial in its historical and
legal contexts.” Princeton press/Stanford University, Pp43

Meeshaan kaayyoo seeraa kana ittin raawwachifamuu ammo motummaa jedhama. Dhugadha motummaan kamiyyuu seeraa ol oso hin taanee seeraa gadii. Sababa kanaafis motummaan walittii dhufenya namotaafii ummattoota jidduu jiruu gaafa kallattii qabsiisuu ykn gaafa sirressuu seeraa ol ta’e oso hin taanee seeraa gadi ta’un seraan masakamun ta’u qaba.

Donald M. “Theory of Law in Kabalah-Marxist Philosophy.” (2005) Encyclopedia of Philosophy 2nd edi, Vol. 5, Pp467

Kayyoon barruu kanaa motummaan akkamittii seeraa gadi ta’e seeraan masakama kan jedhuu ibsuuf oso hin taanee ummannii ykn namni dhunfaan kamiyyuu akkammitti kaayyoo seeraa kana galmaan gahuu dandaa’a kan jeedhu hubannoo keennuf waan ta’ef dhimma duraa irrattii waa hedduu hin jedhuu. Haa ta’u malee akka ummataattis ta’e akka nama dhunfaattii ademsa motummaa mormun ykn ammo motummaa tokko qebaluu dhisuun mirguma ta’e oso jiruu, ummannis ta’e namni dhunfaa kamiyyuu deeggarsis ta’e mormiin isaa seera cabsun kan rawwatamu taanaan hundeen ijaarama biyyaa fi waligaltee ummataa cabsuu waan ta’uf olaantummaa seeraa kabajanii kabajcisuu irrattii of eggannoo guddaa taasisuu qaba.
Walitti dhufeenya namootaa fi ummattoota jidduu jiruuf haqni dhimma murteessaa fi bu’uuraati. Walitti dhufeenya namootaa fi ummaattoota gidduu jiru sirrii ta’uusaa karaan ittii mirkanaahus seera waan ta’e jiruf falaasamaan beekkaamn siseroo jedhamuu waan sammun ilma namaa umee kessaa hangaftii seera ta’u isaa ibse.

Law is the highest products of human mind. Cisero.
Seerrii umama namaa kessaa isa olaanaa ta'edha.

Motummaa mormun ykn ammo motummaa tokko qebaluu dhisuun mirguma ta’e oso jiruu, ummannis ta’e namni dhunfaa kamiyyuu deeggarsis ta’e mormiin isaa seera cabsun kan rawwatamu taanaan hundeen ijaarama biyyaa fi waligaltee ummataa cabsuu waan ta’uf olaantummaa seeraa kabajanii kabajcisuu irrattii of eggannoo guddaa taasisuu qaba.
Walitti dhufeenya namootaa fi ummattoota jidduu jiruuf haqni dhimma murteessaa fi bu’uuraati. Walitti dhufeenya namootaa fi ummaattoota gidduu jiru sirrii ta’uusaa kan mirkanneessan qaamolee haqaati jechuu dandeenya. Walitti dhufeenyi kun namoonni walitti dhufeenya dhimma hamilee, diinagdee, hawaasummaa fi siyaasaa qaban hunda kan hammatee jiru ta’uu danda’a.

Barruu “Seerota Bu’uraa Ilaalchisee Qajeeltowwanifii kallattiwwan Heerrii MFRDI Kaahee” dubbisi

Tesfayee N. & Milki M. Moojulii Lenjii Ilqiso fula5 bara 2005

As irrattii kallattii seeraatiin yoo fudhannee yadrimeen adunyaattii bekkamaa ta’e tokko arganna. Innnis, yadrimee “Seera beekuu dhisuun ykn wallaalun ittii gaafatamummaa Seeraa jalaa nama hin baasuu.” kan jeedhuu yommuu ta’u yadrimeen kunis heera FDRI, Heera MNO, Seera yakkaa FDRI fi Seerota adda addaa irrattii ifattii caqafamee jiraa. Kanaafuu seera wallaalun kan ittii gaafatamummaa irraanama hin baasnee taateefi hundeffamni qaamoolee haaqaa biyya tokkoo haqa mirkanessisuuf kan kaayyeffatee hanga ta’ettii ummata kamiyyuutif hubannoo seeraa kennuun ummannii mirgaafi dirqama isaa akka kabajee kabajchifatuuf hojjachun dirqama hangafaa qaamoolee haqaa ta’a jeechuudhaa.

Kessattuu kaayyoofi galmi hundeffama Abbaa Alangaa waligalaa Federaalas ta’e kan MNO nama yakka tokko hojjete adabsisuu qoofa oso hintaanee ummata seera kabajun yakkarraa fagaatuu umuudhaa. Dabalataan kayyoon adabbii seera yakkaatis haaloo bahaachuu qoofa oso hin taanee nama yakka raawwatee yakka isaa irraa baratee gaabbun fulduraaf lammii gaarrii akka ta’u barsiisufi. Kana jechunis waajjirii Abbaa Alangaa Sadarkaa kamuu ummata ittii dhihaatanif jalqabumarraa hubannoo seeraa keennuun hooji ykn gochaa yakka ta’eefii yakka hin taanee barsiisuun dirqama isaanii isa hangafaatii.

Labsii abba alangaa waligalaa federaalaa hundessuf bahee fi labsii abbaa alangaa waligala oromiyaa hundessuf bahee ilaalii

Haluma kanaan Mannii Hoojii abbaa alangaa Godina Jimmaa hubannoo seeraa akka waligalaattii keennuf karoorfateen dhiimmoota haala yeeroofi yakkota godina kenya kessattii walaalumaan raawwatamaa jiran jedhee adda baasee Hubannoo seeraa keennuuf karoorfatee jira. Karoora kana irrattii hundaa’e barruun kuni yakkota Godaanssa seeraan alaa fi yakkoota duba state

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *